49. Gondooroo Waaqaa Haareya
Ergamaan Waaqaa tokko durri duudduun Maariyaam jedhantu takka akka isiin ilma Waaqaa deettu itti hime. Tanaaf isiin durrumma’aan adoo jirtuu ilma deettee, maqaa isaa, <<Yesuus>> jette. Tanaaf Yesuus Waaqa; namalle’e.
Yesuus akka Waaqa te’e mirkaneessisaaf bilibaasota hedduu godhe. Bisaanirra ideeme; danbalii cadhi godhe; worra dhibamane hedduu fayyise; durriisota baase; worra du’e kaase; akkasuma xaltaa shanii fi qurxummii didiqqoo lama namoota kuma shan caalanuuf akka areeriisa geettu godhe.
Ammalle Yesuus barsiisaa gudda’a; inni ilma Waaqaa waan te’eef baalli’iin dubbate. Inni, <<Akkuma ifi jaalattanu nama dhibiille jaaladha’a>> jedhee barsiise.
Ammalle inni, <<Karra teessanii fi waan dhibiille akuma jaalattanu Waaqa jaalatuu qaddan>> jedhee barsiise.
Yesuus, <<Mootummaan Waaqaa waan biyya lafaa irra jiru mara caalaa ulfinna qaddi. Nama kamiifuu wonni guddoo barbaachisaa te’e, golii mootummaa Waaqaa te’iisa. Gara Mootummaa Waaqaa galiisaaf cubbuu teessan irraa fayyuu qaddan>> jedhe.
Yesuus nami tokko tokko isa fudhatee akka fayyu, gariin ammoo akka isa fudhatu’uuf hin jirre barsiise. Nami gariin akka lafa dansa’aa ti jedhe. Isaan oduu gammadaa ta Yesuusii fudhatanee hin fayyan. Namooti dhibiin ka jechi Waaqaa akka lafa dhakittii karaa qarqara jirtuu ta sanyiin gad hin seenne, ta midhaan tokkolle baasuu hin dandeennee ti. Namooti sun ergaa marroo Yesuusii ta dubbatantu worra hin fudhanne ka mootummaa Waaqaatitti hin galle.
Yesuus akka Waaqi cubbaaleyyii guddoo jaalatu barsiise. Inni isaaniif araaramee ijoollee ifii isaan godhatiisaaf barbaada.
Ammalle Yesuus akka Waaqi cubbuu jibbu nutti himeera . Addaamii fi Heewwan yennaa cubbuu hujane, cubbuun sanyii isaanii mara miite. Sababa kanaaf nami biyya lafaa irra jiru marti cubbuu huja; Waaqa irralle’e adda baya. Tanaaf nami marti diina Waaqaa te’eera.
Te’uu malee nami isatti dhugeeffatu marti jiruu bara baraa akka qabaatu malee akka hin banneef, Waaqi akkasumaan biyya lafaa waan jaalateef, Ilma ifii tokkochuma san kenne.
Sababa cubbuu teessaniitiif yakkaameyyii waan teetaneef du’iisaaf maltane. Waaqa isinitti mufatuu qabaayyu; addee teessan ammoo mufii ifii Yesuus irratti dhangalaase. Yesuus fannoo irratti yennaa du’e adabbii teessan fudhate.
Yesuus ijjumaa cubbuu hin hunye; te’uu malee cubbuu teessanii fi cubbuu nama biyya lafaa irra jiru tokko tokkootuu balleessiisaaf, adabamiisaa fi ciincaa dhidhinna hin qanne te’ee du’iisa filate. Yesuus waan ciincaa godhee ifi dhikeesseef, Waaqi cubbuu tamiiyyuu, cubbuu hantuu attamiille yoo teete araaramuu hin dande’a.
Hujiin teessan dansaan isin fayyisuu hin dandeettu. Waaqa woliin tokkummaa qabaatiisaaf, wonni isin godhiisa dandeettanu tokkolle hin jirtu. Yesuus qofatti cubbuu teessan dhiqiisa dande’a. Yesuus ilma Waaqaa akka te’e, addee teessan fannoo irratti akka inni du’e, Waaqille du’aa akka isa kaase qofa dhugeeffatuu qaddan.
Waaqi nama Yesuusitti dhugeeffatu, Goottaa ifii godhatee ka isa fudhatu mara hin fayyisa. Dureeyyii te’ane moo yookiin hiyyeeyyii, dhiira yookiin dubartii, jaarsa yookiin dargaggeessaa fi dargaggeettii yookiin eessalle yoo leetane womaa moti. Waaqi isin woliin, wolitti dhufeenna dhiko’oo akka qabaatuu dande’u isin jaalata; akka isin Yesuusitti dhugeeffattanulle barbaada.
Yesuus akka isin dhugeeffatanuu fi cuuphantanu isin waama. Yesuus Masiihii ilma tokkocha Waaqaa akka te’e hin dhugeeffatanii? Cubbaaleeyyii akka teetanee fi adoo Waaqi isin adabee, adabbiin ta isinii malte akka teete hin dhugeeffatanii? Yesuus cubbuu teessan balleessiisaaf fannoo irratti akka du’e hin dhugeeffatanii?
Yesuusii fi hujii inni isiniif hujetti yoo dhugeeffatane, isin kiristaanota. Waaqi seexanaa fi mootummaa dukkanaa keessaa isin baasee, mootummaa Waaqaa ta ifaa keessa isin dhaabeera. Waaqi karaa isin ittiin woy hujjanu dullacha cubbaalessa san balleessee, karaa haareya balchicha huji’ii isinii kenneera.
Isin kiristaana; sababa hujii Yesuus hujeetiif, Waaqi cubbuu teessan isinii araarameera. Amma Waaqi akka diinota ifiititti adoo hin te’in, akka jaalota ifiititti isin laakkowa.
Isin jaalota Waaqaatii fi tajaajiltoota Yesuusii yoo teetane, waan Yeuus isin barsiisuuf hin ajajantan. Kiristaanota teetanulle, ammalle cubbuu akka hujjanuuf hin ataabantan. Waaqi ammoo ka addatame waan te’eef, <<Cubbuu teessan yoo araara galtane, ani isiniif hin araarama>> jedha. Inni jabeenna isin cubbuu ittiin mormitanu isinii hin kenna.
Waaqi akka isin daadimattanu, jecha isaa akka qu’attanu, kiristaanota dhibii woliin akka waaqonfattanu, waan inni isiniif godhe worra dhibi’itti akka isin odeessitanu isin gaafata. Wonni kun marti akka isin isa woliin tokkummaa guddoo qabaattanu isin qarqaarti.
Dabarsii Kitaaba Woyyichaa Gara Worra Rooma’aa 3:21-26; 5:1-11;Yohaannis 3:16; Maarqoos 16:16; Qolosaayiis 1:13-14; 2Qorontoos 5:17-21; 1Yohaannis 1:5-10
Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).