48. Yesuus Masiihii Addiin Kenname
Waaqi biyya lafaa tana yennaa dade wonni marti dhidhuu hin qaddu. Cubbuun hin jirtuuyyu. Addaamii fi Heewwan wol jaalatan. Isaan Waaqalle hin jaalataniiyyu. Dhukkubi yookiin duuti hin jirtuuyyu. Waaqi biyyi lafaa akkas akka teetu barbaade.
Seexanni addee gammadaa keessatti Heewwan dokonkorsiisaaf, karaa bofaatiin dubbate. Achiin duuba Heewwanii fi Addaam Waaqa irratti cubbuu hujane. Isaan cubbuu waan hujaneef, nami lafa irra jiru marti hin dhibama, hin du’alle’e.
Addaamii fi Heewwan cubbuu waan hujaneef, wonni badduun san caaltulle teete. Isaan diinota Waaqaa te’ane. Tanaaf nami marti cubbu’uun dhalateera. Ammalle diina Waaqaa te’eera. Tokkummaan Waaqaa fi nama wodhakka’aa sababa cubbu’uutiif wol irraa citte. Waaqi ammoo tokkummaa san deebisiisaaf karoora qabaayyu.
Sanyii Heewwanii keessaa tokkochi akka mataa seexanaa butuchu, seexannille jimuu isaa akka iddu Waaqi addii kenne. Seexanni kun Masiihii hin ijjeesa. Waaqi ammoo deebisee isa hin kaasa. Achiin duuba Masiihiin hunna seexanaa haga bara baraa hin butucha. Woggaa heddu’uun duuba Waaqi Masiihiin akka Yesuus te’e mudhise.
Waaqi lafa duudii bisaan badi’iitiin yennaa balleesse, namoota isatti dhugeeffatanu fayyisiisaaf hoboloo guddittii dhikeesse. Akkasuma nami marti sababa cubbu’uutiif du’uu qabaayyu; te’uu malee Waaqi worra isatti dhugeeffatu mara fayyisiisaaf Yesuus kenne.
Woggoota dhibba heddu’uuf hayyooti araara cubbuu kolba’aatiif adoo gargar hin kutin ciincaa Waaqaaf dhikeessane. Te’uu malee, ciincaan sun cubbuu kolba’aa balleessuu hin dandeenne. Yesuus hayyicha hayyootaa gudda’a. Inni hayyoota dhibii irraa karaa adda te’een, ciincaa cubbuu kolbaa biyya lafaa irra jirtuu mara balleessuu dandeettu ifi qofa tolchee mataa ifii dhikeesse. Yesuus cubbuu eennulle huje, adabbii cubbuu nama tokko tokkootuu waan fudhateef, hayyicha guddaa dhidhinna hin qanne.
Waaqi Abrahaamiin, <<Gosi biyya adda addaa marti si’iin eebbifanti>> jedhe. Yesuus sanyii Abrahaamii keessaa dhalate. Karaa isaatiin gosi biyya adda addaa marti eebbifanteerti; sababille nami Yesuusitti dhugeeffatu marti tokko tokkoon isaatuu cubbuu irraa fayyeera; akkasuma dhaloota Abrahaamii ayyaaniticha hin te’an.
Waaqi akka Abrahaam ilma ifii Yisihaaq ciincaa godhee dhikeessu yennaa itti hime, addee Yisihaaqii ilma Abrahaamii Waaqi hoolee ciinca’aa dhikeesse. Nuuti marti cubbuu teennaan du’uu qannaayyu; Waaqi ammoo addee teenna ciincaa te’ee akka du’uuf, hoolee Waaqaa ka te’e Yesuus kenne.
Waaqi balaa muumme’ee biyya Gibxi’ii irratti yennaa buuse buruusoo fafa hin qanne akka qalanuu fi dhiiga san mikikkila balbalaa ka cinaa lamaaniitii fi mikikkila balbalaa ka gubba'aatitti akka dibanu maatii Israa’elootaatitti dubbate. Waaqi yennaa dhiiga san dhagge manoota irra dabaree deeme; ilmaan angafoota isaaniille hin ijjeenne. Dabarsiin hujante tun Jila Irra Dabaramaa jedhanteerti.
Yesuus hoolicha Jila Irra Dabaramaa keenna. Inni dhidhinna hin qabu; cubbuulle hin qabu. Inni yennaa Jila Irra dabaramaa Ijjeefame. Nami kamiiyyuu yennaa Yesuusitti dhugeeffatu, dhiigi Yesuusii kaffaltii cubbuu nama sanii ti. Addabbiin Waaqaalle nama san irra hin dabarti.
Waaqi kolbaa ifii ta filatante Israa’eloota woliin gondooroo gondoore. Te’uu malee amma Waaqi gondooroo haareya ta nama maraaf teetu gondooreera. Sababa gondooroo haareyaa tanaan, nami gosa tamiituu Yesuusitti dhugeeffatiisaan golii gosa Waaqaa te’iisa hin dande’a.
Muuseen raagicha guddaa jecha Waaqaa lallabe. Yesuus ammoo raagicha raagota mara caalu. Inni Waaqa. Tanaaf, wonni inni godhee fi wonni inni dubbate marati hujii Waaqaatii fi jecha Waaqaa ti. Tanaaf, Yesuus, <<Jecha Waaqaa>> jedhamee waamama.
Sanyii isaa keessaa tokkochi, kolbaa Waaqaa irratti mootii te’ee haga bara baraa akka bulchu Waaqi mooticha Daawitiif waadaa gale. Yesuus Masiihii ilma Waaqaa waan te’eef, inni haga bara baraa ka bulchuu dande’u sanyii Daawitii keessaa ka adda te’e san.
Daawiti mootii Israa’elii ti; Yesuus ammoo mootii dada biyya lafaa maraa ti. Inni deebi’ee dhufee haqaa fi nageyaan mootummaa ifii haga bara baraa hin bulcha.
Dabarsii Kitaaba Woyyichaa:- Kitaaba Dadaa1-3;6;14;22; Kitaaba Seera Bayiisaa 12, 20; 2Samu’el 7; broota 3:1-6; 4:14-5:10; 7:1-8:13; 9:11- 10:18; Mudhii Yohaannisii 21.
Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).