50. Yesuus Hin deebi’a
Woggaa kuma lama kolbaan biyya lafaa irra jirtu hedduun oduu gammadaa ta marroo Yesuusii Masiihii dubbattu oduu gammadaa dhage’aa turteerti. Wolde’i kiristaanaalle guddataa tureera. Yesuus muummee biyya lafaa irratti akka deebi’u addii kenneera. Inni amma deebi’uu dhabulle addii kenne san hin eega.
Dhufa Yesuusii adoo eegatiisatti jiruu, Waaqi akka nuuti karaa woyyicha te’e, ka ulfinna isaaf kennu gula ideennu barbaada. Ammalle akka nuuti marroo mootummaa isaa worra dhibi’itti odeessinu barbaada. Yesuus yennaa biyya lafaa irra le’e san, <<Barattooti tiyya oduu gammadaa ta marroo mootummaa Waaqaa dubbattu namoota biyya lafaa irra addee mara jiranuuf hin lallaban. Yennaa san muummeen hin dhutti >> jedhe.
Kolbaan gosa biyya adda addaa hedduun ammaan tanalle marroo Yesuusii dhageettee hin jirtu. Yesuus gara ol-gubba’aa adoo hin deebi’iniin dura, oduu gammadaa tana worra hin dhage’iniif akka lallabanu kiristaanotatti hime. Inni, <<Deema’a, kolbaa gosa biyya addaa mara barattoota tiyya godha’a! Haammaan geetteerti!>> jedhe.
Yesuus ede’ee, <<Tajaajilaan goottaa ifii hin caalu. Qondaaltoti biyya lafaa tanaa akkuma ana jibbane, sababa kiyyaaf farrisiisanee isin hin ijjeesan. Isin biyya lafaa tana irratti yoo rakkatanelle, ani bulchaa biyya lafaa tana seexana waan injifadheef jabaadha’a. Isin anatti dhugeeffattanee haga dhumaa yoo jabaattane, Waaqi yennaa san isin hin fayyisa>> jedhe.
Yesuus yennaa muummeen biyya lafaa geettu, rakkinna namootatti dhufu ifa godhee himiisaaf barattoota ifiititti mammaassa tokko mammaake. Inni, <<Nami tokko fichaa ifiititti sanyii dansaa facaase. Yennaa nami marti rafe ammoo, diinni dhufee odduu qamadi'iititti jigidaa facaasee deeme.
<<Qamadiin facaafante yennaa latte, tajaajiltooti abbaa ficha'aa, <Gootta'a, fichaa keeti keessatti sanyii dansaa hin facaannee? Jigidaan kun eessaa dhufe ree?> jedhaneen. Inni deebisee, <Kana ka godhe diina> isaaniin jedhe.
Tajaajiltooti goottaa ifiitiin, <Nuuti dhandhee bubuqqinnuu ree?> jedhaneen. Inni ammoo deebisee, <Waawwo'o; jigidaa buqqisiisa irratti qamadii woliin buqqittan. Haga yennaa haamma'aa eega’a; achiin duuba jigidaa wolitti qaba’aatii guba’a. Qamadii ammoo gootaraa kiyyatti galcha'a> jedheen>> jedhe.
Hiikkaan mammaassa kanaa barattootaaf hin galle. Tanaaf akka Yesuus isaaniif hiiku gaafatane. Yesuus deebisee, <<Nami sanyii dansaa facaase Masiihii; fichaan biyya lafaa ti; sanyiin dansaan ijoollee mootummaa Waaqaa ti.
<<Jigidaan ijoollee hamaalessaa ti; diinichi jigidaa facaase Seexana; haammaan muummee biyya lafaa ti; worri haamu ergantoota Waaqaa ti.
<<Guyyaa muummee biyya lafaa ergantooti Waaqaa worra sanyii hamaalessaa te’e mara wolitti qabanee, qilee ibiddaa keessa isaan hin gatan. Achitti booyaa farriisaan ilkaan ifii hin qaran. Yennaa san balchooleen mootummaa Abbaa ifii keessatti akka adu’uu hin ifan>> jedhe.
Ammalle Yesuus muummee biyya lafaatiin dura gara biyya lafaa akka deebi’u dubbate. Akkuma dur itti deeme haala fakkaattuun deebi’ee hin dhufa; kunille nafa namumma’aa hin qabaata; duumensa ol-gubba’aatille’een hin dhufa. Yennaa Yesuus deebi’u kiristaan du’eeru tokko tokkoon isaatuu du’aa ka’ee ol-gubba’atti isa woliin wol hin dhagga.
Yennaa san kiristaanoti jiru’uun jiranu gara ol-gubba’aa butamanee, kiristaanota du’aa ka’ane woliin wol keessa hin makaman. Achitti isaan martinuu Yesuus woliin hin jiraatan. Achiin duuba Yesuus kolbaa ifii woliin nageya guutu’uu fi tokkomma’aan haga bara baraa hin le’a.
Yesuus worra isatti dhugeeffatu maraaf kallacha kenniisaaf waadaa galeera. Isaan nageya mijuu te’een Waaqa woliin haga bara baraa hin le’an; hin mootomanille’e.
Ammoo Waaqi worra Yesuusitti hin dhugeeffanne mara itti hin mura. Inni addee isaan haga bara baraa booyaa farriisaan ilkaan qaranu gara qile’ee isaan hin gata. Inni ibidda hin dhaanneen yennaa mara isaan hin guba. Corroxxille isaan nyaatiisa ijjumaa hin lakkittu.
Yesuus yennaa deebi’ee dhufu seexanaa fi mootummaa seexanaa guutumaa guutu’utti ijjumaa hin balleessa. Seexanaa fi worra Waaqaaf ajajamiisa didatee, seexana hordofiisa filate mara woliin addee haga bara baraa itti gubatanu gara qile’ee hin gata.
Addaamii fi Heewwan Waaqaaf ajajamiisa didanee, gara biyya lafaa tana cubbuu waan fidaneef, Waaqi biyya lafaa abaaree balleessiisaaf murteesse. Te’uu malee Waaqi gaafa tokko ol-gubbaa haareyaa fi lafa haareya dhidhinna hin qabaanne hin dada.
Yesuusii fi kolbaan isaa lafa haareya san irra hin le’an. Waan jiru mara irratti hin mootoman. Inni imimmaan mara hin haqa; achiin duuba farri, gaddi, booyiis, hammeenni, dhibeen yookiin duuti hin jiraattu.Yesuus mootummaa ifii nageyaa fi haqaan hin bulcha; haga bara baraa kolbaa ifii woliin hin jiraata.
Dabarsii Kitaaba Woyyichaa:- Mat 24:14; 28:18; Yoh 15:20; 16:33; Mudhii Yoh 2:10; Mat 13:24-30; 36-42; 1Tasloonqee 4:13- 5:11; Yaqoob 1:12; Mat 22:13; Mudhii Yoh 20:10; 21:1-22.
Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).