47. Phawuloosii fi Siilaas Filiphisiiyus Keessatti

47. Phawuloosii fi Siilaas Filiphisiiyus Keessatti — illustration 1

Saa’ol mootummaa mootii moototaa ta Rooma’aa mara keessa yennaa deemu, maqaa ifii ka Rooma’aa <<Phawuloositti>> fayyadamuu jalqabe. Guyyaa tokko Phawuloosii fi jaalli isaa Siilaas oduu gammadaa ta waan Yesuusii dubbattu lallabiisaaf gara qacha Filiphisiiyusii dhaqane. Gara namooti daadimatiisaaf wolitti dacha’aneeranu qacha’aan ala, addee laga biraa dhaqane. Dubartii daldaltuu takka ta, <<Liidiyaa>> jedhantu achitti dhaggane. Isiin Waaqa jaalatti; isalle hin waaqonfatti.

47. Phawuloosii fi Siilaas Filiphisiiyus Keessatti — illustration 2

Ergaa waan Yesuusii dubbattu akka isiin dhugeeffattu Waaqi qalbii Liidiya’aa bane; Isi’ii fi maatiin isi’ii cuuphamane. Isiin akka Phawuloosii fi Siilaas mana isi’ii le’anu waante; tanaaf isaan isi’ii fi maatii isi’ii woliin le’ane.

47. Phawuloosii fi Siilaas Filiphisiiyus Keessatti — illustration 3

Phawuloosii fi Siilaas yennaa hedduu addee daadimanna’aatitti namootaan wol-dhagganiiyyu. Yennaa isaan guyyuma guyya’aan gara addee daadimmanna’aa dhaqanu, durrittiin garbittiin ayyaanni hamaan qabeeru takka isaan hordottiiyyu; isiin ayyaana hamaa saniin waan gara duraa namootaaf morti; tanaaf, isiin moru’uun goottolee ifiitiif beesee galchaa turte.

47. Phawuloosii fi Siilaas Filiphisiiyus Keessatti — illustration 4

Durrittiin garbittiin sun yennaa isaan deddeemanu isaan hordofaa, <<Namooti kun tajaajiltoota Waaqa Ol-ana'aa ti! Isaan karaa fayyinnaa isinitti himan>> jettee ittuma deddeebitee iyyite. Isiin waan kana itti deddeebitee jette. Isiin haga Phawuloos isii adabutti ittuma deeddeebitee akkasuma goote.

47. Phawuloosii fi Siilaas Filiphisiiyus Keessatti — illustration 5

Dhuma irratti gaafa tokko durrittiin garbittiin sun yennaa iyyiisa jalqadde Phawuloos gara isi’ii garagarlee, ayyaana hamaa isii keessa jiruun, <<Maqaa Yesuusiitiin isii keessaa bayi>> jedhe. Yennuma san ayyaanni hamaan sun isii lakkise.

47. Phawuloosii fi Siilaas Filiphisiiyus Keessatti — illustration 6

Goottoti garbittii durrittii sanii guddoo aarane. Durriittiin garbittiin sun ayyaana hamaa saniin malee, waan gara duraa namoota irra dhaqqabu dubbatiisa akka hin dandeenne beekane. Isiin waan gara duraa namoota irra dhaqqabu isaaniif himiisa waan hin dandeenneef, goottota isi’iitiif beesee hin kaffalanu jechu’u.

47. Phawuloosii fi Siilaas Filiphisiiyus Keessatti — illustration 7

Tanaaf goottoti garbittii durritti’ii sun Phawuloosii fi Siilaas qabanee gara qondaaltota Rooma’aa geessane. Isaanille dhaananee mana hidha’aatitti isaan galchane.

47. Phawuloosii fi Siilaas Filiphisiiyus Keessatti — illustration 8

Isaan Phawuloosii fi Siilaas kolloo mana hidha'aa ta keessaatitti isaan galachanee, miila isaanii jirmatti hidhane. Te’uu malee, isaan haga halkan wodhakka’aa faaruu galataa Waaqaaf faarsane.

47. Phawuloosii fi Siilaas Filiphisiiyus Keessatti — illustration 9

Dedhuma tacho’i lafaa guddaan te’e. Balbalti mana hidha’aa marti takkumaan banante. Wodaroon sibiilaalle namoota hidhamane mara irraa harcaate.

47. Phawuloosii fi Siilaas Filiphisiiyus Keessatti — illustration 10

Namichi mana hidha'aa eegu hirriibaa dammaqee, balbalti mana hidha'aa bananteertuun yennaa dhagge rifate. Inni worri hidhameeru isa duraa waan miliqeeru seyee, ifi ijjeesiisaaf yaade. (Wirri hidhameerru akka miliqanu yoo godhe qondaaltoti Rooma’aa akka isa ijjeesanu beeke) Phawuloos ammoo isa dhaggee qoonqoo guddo’oon, <<Lakkisi! Ifi hin miidhin; nuuti martinuu as jirra>> jedhe.

47. Phawuloosii fi Siilaas Filiphisiiyus Keessatti — illustration 11

Namichi mana hidha’aa eegu sun gara Phawuloosii fi Siilaasii rorrommaa dhufee, <<Ani fayyiisaaf maan godhuu qaba?>> jedhee gaafate.

Phawuloos, <<Goottaa Yesuusitti dhugeeffadhu; atii fi maatiin teetille hin fayyitan>> jedhee isaaf deebise. Achiin duuba namichi mana hidha’aa eegu sun Phawuloosii fi Siilaas gara mana ifii geessee madaa isaanii dhiqe. Phawuloos worra mana isaa keessa jirunu maraaf oduu gammdaa ta waan Yesuusii dubbattu isaaniif lallabe.

47. Phawuloosii fi Siilaas Filiphisiiyus Keessatti — illustration 12

Namichi mana hidha’aa eegu sunii fi maatiin isaa marti Yesuusitti dhugeeffatanee cuuphamane. Achiin duuba namichi mana hidha’aa eegu sun Phawuloosii fi Siilaasiif sagalee dhikeessee, isaan addee tokkotti gammadane.

47. Phawuloosii fi Siilaas Filiphisiiyus Keessatti — illustration 13

Boruyyaa ganama sooressitooti Philiphisiiyusii Phwuloosii fi Siilaas mana hidha’aatii hiikaanee, akka isaan Philiphisiiyus keessaa deemanu gaafatane. Phawuloosii fi Siilaas Liidiya’aa fi jaalota dhibii dhaqanee ilaalanee, qachaa san lakkisanee deemane. Oduun gammadaa ta waan Yesuusii dubbattu babadhataatuma ideentee, wolde’i kiristaanaalle guddataatuma ideeme.

47. Phawuloosii fi Siilaas Filiphisiiyus Keessatti — illustration 14

Phawuloosii fi sooressitooti kiristaanaa dhibiin oduu gammadaa ta waan Yesuusii dubbattu lallabbaa barsiisaa gara qachoota heddu’uu deemane. Akkasuma isaan dhugeeffatoota Wolde’a kiristaanaa keessa jiranu jajjabeessiisaa fi barsiisiisaaf, ergaa hedduu isaaniif barreessane. Ergaa hedduu isaan barreessane tana keessaa tokko tokko kitaabota amma Kitaaba Woyyicha keessa jiranu te’ane.

Dabarsii Kitaaba Woyyichaa:- Hujii Ergantootaa 16:11-40.

Read in the reader

Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).