46. Phawuloos Kiristaana Te’e

46. Phawuloos Kiristaana Te’e — illustration 1

Saa’ol dargaggeessa woyaa worra Isxifaanos ijjeesee eege. Inni Yesuusitti hin dhugeeffanne; tanaaf dhugeeffattoota miidhe. Saa’ol dhiiraa fi dubartii qabee gara mana hidha’aa galchiisaaf Yerusaalem keessa mana tokko irraa gara mana kaanii deeme. Hayyichi guddaan dhugeeffattoota achi jiranu qabee, gara Yerusaalemii deebisee akka fiduuf gara qacha Damaasqo’oo akka dhaqu eeyyama isaaf kenna.

46. Phawuloos Kiristaana Te’e — illustration 2

Saa'ol gara qachaa Damaasqo'oo adoo deemuu, dedhuma ifi ol-gubbaa irraa adaala isaatitti balaqqise. Inni lafatti jigee qoonqoo, <<Saa'ol, Saa'ol maaf ana miita?>> jettu dhage'e. Saa'olille, <<Gootta'a, ati eennu?>> jedhee gaafate. Qoonqoolle, <<Ani Yesuusii ati miitu>> jette.

46. Phawuloos Kiristaana Te’e — illustration 3

Saa'ol addee jigee yennaa ka'e dhagguu dadhabe. Jaaloti isaa harka isaa qabanee, gara qachaa Damaasqo'oo isa geessane. Saa’ol haga guyyaa sadii womaa hin nyaanne yookiin hin unnelle’e.

46. Phawuloos Kiristaana Te’e — illustration 4

Qachaa Damaasqo’oo keessa barataan Yesuusii ka Anaaniyaas jedhamu tokko jiraayyu. Waaqi Anaaniyaasiin, <<Gara mana Saa’ol jiruu dhaqi. Akka inni deebi’ee dhaggu harka keeti isa irra keyi>> jedhe. Anaaniyaas ammoo, <<Goottaa kiyya, nami kun dhugeeffattoota attam akka miidhe ani dhage’eera>> jedhe. Waaqi, <<Dhaqi! Akka inni Yihudootaa fi worra Yihudoota hin te’iniifille, maqaa kiyya lassu ani isa filadheera. Inni maqaa kiyyaaf guddoo hin rakkata>> jedheen.

46. Phawuloos Kiristaana Te’e — illustration 5

Tanaaf Anaaniyaas gara Saa'olii dhaqe. Inni harka ifii Saa’ol irra keyee, <<Yennaa ati as dhufiisatti jirtu Yesuusiin si'itti mudhate, akka ati deebitee dhaggitee, Ayyaana Woyyichaan guutantuuf gara keeti na ergeera>> jedhe. Saa’ol yoosuma dhagguu dande’e; Anaaniyaasille isa cuuphe. Achiin duuba Saa’ol sagalee nyaatee jabaate.

46. Phawuloos Kiristaana Te’e — illustration 6

Saa’ol yennuma san, <<Yesuus ilma Waaqaa ti>> jedhaa Yihudoota Damaasiqoo keessa jiranuuf lallabiisa jalqabe. Yihudooti namichi dhugeeffattoota balleessiisaaf wodhaane amma deebi’ee dhugeeffatiisa isaa baaseffatane. Saa’ol Yesuus Masiihii akka te’e mirkaneessee Yihudoota dhugeeffachiise.

46. Phawuloos Kiristaana Te’e — illustration 7

Guyyaa heddu’uun duuba Yihudooti Saa’ol ijjeesiisaaf karoora baafatane. Akka isa ijjeesanuuf worra karra qacha’aatitti isa eegu ergane. Te’uu malee Phawuloos karoora isanii dhage’e. Jaaloti isaa akka inni miliqu isa qarqaarane. Isaan gaafa tokko halkaniin, Saa'ol xaxxoo keessa keyanee, foddaa dalleya dhaka'aatiin gad buusane. Saa’ol Damaasqoo keessaa miliqeen duuba waan Yesuusii lallabaatuma deeme.

46. Phawuloos Kiristaana Te’e — illustration 8

Saa’ol barattoota Yesuusiitiin wol-dhaggiisaaf gara Yerusaalemii dhaqe. Isaan ammoo isa sodaatane. Yennaa san dhugeeffataan, <<Barnaabaas>> jedhamu gara barattoota Yesuusii Saa’ol geessee, attam akka inni qachaa Damaasqo’ootitti sodaa malee lallabe isaanitti hime. Achiin duuba barattooti Yesuusii isa fudhatane.

46. Phawuloos Kiristaana Te’e — illustration 9

Miidhaa Yerusaalem keessa jirtu keessaa Dhugeeffattooti baqatane gariin, gara Anxokiya’aa fagaatanee deemanee waan Yesuusii lallabane. Worra Anxokiyaa keessa jiru keessaa nami hedduun Yihudootaa moti; te’uu malee yennaa jalqabaatiif isaan keessaa nami bacaan dhugeeffate. Barnaabaasii fi Saa’ol dhugeeffattoota haareya san waan Yesuusii itti dabalanee barsiisiisaa fi wolde’a kiristaanaa jajjabeessiisaaf achi dhaqane. Worri Yesuusitti dhugeeffate, yennaa jalqabaatiif, Anxokiya'atti, <<Kiristaanota>> jedhamane.

46. Phawuloos Kiristaana Te’e — illustration 10

Gaafa tokko dhugeeffattooti Anxokiyaa keessa jiranu laamaa daadimatiisatti jiranuun Ayyaanni Woyyichi, <<Worra ani isaan waame hujii akka hujanu Barnaabaasii fi Saa’ol adda anaaf baasa’a>> jedhe. Tanaaf, wolde’a kiristaanaa ka Anxokiya’aatitti, tajaajiltooti Barnaabaasii fi Saa’oliif daadimatane; harka ifiille isaanirra keyane. Achiin duuba addee dhibii heddu’utti oduu gammadaa ta waan Yesuusii dubbattu akka lallabanuuf ergane. Barnaabaasii fi Saa’ol kolbaa gosa biyya adda addaa barsiisane. Nami hedduulle Yesuusitti dhugeeffate.

Dabarsii Kitaaba Woyyichaa:- Hujii Ergantootaa 8:3; 9:1-31; 11:19-26; 13:1-3.

Read in the reader

Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).