45. Filiphoosii fi Guneessa Itoophiya’aa
Sooressitoota wolde’a kiristaanaa ka durii keessaa tokko Isxifaanos jedhama. Inni nama gurra dansaa qabu, ka Ayyaana Woyyichaa fi qarumma’aan guutameeru. Isxifaanos baasa hedduu hujeera; inni akka namooti Yesuusitti dhugeeffatanu nama sababa qabatamaa dhikeessu.
Gaafa tokko Isxifaanos marroo Yesuusii yennaa barsiisu, Yihudooti gariin ka Yesuusitti hin dhugeeffatin Isxifaanos woliin wol mormjiisa jalqabane. Isaan guddoo aaranee waan Isxifaanosii dubbii dharaa sooreyyii Yihudootaatitti himane. Isaan , <<Inni waan Muuse’eetii fi waan Waaqaa hantuu dubbatuun dhageenneerra>> jedhane. Tanaaf sooressitooti dhugeeffanna’aa Isxifaanos qabanee, gara hayyicha gudda’aatii fi sooressitoota Yihudootaa ta dhibi’ii, ta dhugaabaatoti dharaa waan Isxifaanosii dhara itti dlubbataneeranuu fidane.
Hayyichi guddaan, <<Wonni kun dhuga’aa?>> jedhee Isxifaanos gaafate. Isxifaanos bara Abrahaamiitii jalqabee haga bara Yesuusiititti waan gugurdoo hedduu Waaqi huje, akkasuma kolbaan Waaqaa adoo gargar hin kutin akka Waaqa finqilte qaabatiisaan deebii kenne. Achiin duuba, <<Isin worra mataa jabaatu; finqiltootalle’e; akkuma abbootiin teessan ta durii Waaqa mormitee raagolee ijjeette, isin yennaa mara Ayyaana Woyyicha mormitan. Isin ammoo ta isaan caaltu gootaneertan. Masiihii ijjeettaneertan>> jedhe.
Sooressitooti dhugeeffanna’aa yennaa waan kana dhage’ane, haga gurra qabatanee iyyanutti guddoo aarane. Isaan gara qacha’aan alaa Isxifaanos harkisanee, ijjeesiisaaf dhaka’aan tumane.
Isxifaanos du’iisatti jiruun, qoonqoo guddo’oon, <<Yesuusii kiyya, lubbuu tiyya fudhadhu>> jedhee iyye. Achiin duuba jilbiiffatee, <<Goottaa kiyya, cubbuu tana isaanitti hin laakkoyin>> jedhee ammalle iyye. Achiin duuba du’e.
Dargaggeessi <<Saa’ol>> jedhamu worra Isxifaanos ijjeese woliin woliigalee yennaa dhaka’aan isa tumanu san woyaa isaanii eegiisatti jiraayyu. Guyyaa san namooti hedduun ka Yerusaalem keessa jiranu hordofattoota Yesuusii ari’iisa jalqabane. Tanaaf dhugeeffattooti gara lafa dhibi’ii baqatane. Ariisaan jiraattulle ammoo lafa dhaqane maratti waan Yesuusii odeessane.
Barattoota Yesuusii keessaa Filiphoos ka jedhamu yennaa ariisa’aa san dhugeeffattoota Yerusaalem keessaa baqatane keessaa tokkochi isa. Inni gara Samaariya’aa dhaqee marroo Yesuusii lallabee, nami hedduun fayye. Achiin duuba gaafa tokko ergamaan Waaqaa tokko akka Filiphoos gara karaa lafa goomole’ee tokko deemu itti hime. Filiphoos adoo karaa san deemiisatti jiruu nami Itoophiya’aa beekkamaan baallii qabu tokko garreettaa fardaaan harkifamu irra tee’ee deemuun dhagge. Akka Filiphoos nama kana dhaqee dubbisu Ayyaanni Woyyichi itti hime.
Filiphoos gara garreettaa fardaan harkifamuu yennaa dhikaate, nami Itoophiya’aa sun kitaaba raagichi Isaayaas barreesse keessaa dubbisuun dhage’e. Namichi sun ka dubbise, <<Akka hoolee qalanuu isa oofane; akkuma hooleen cadhittu, inni jecha tokkolle hin dubbanne. Mura’aan fuudhame; isa hin ulfeessine. Lafa worra jira’aa keessaa isa balleessane>> ka jedhu.
Filiphoos nama Itoophiya’aa saniin, <<Wonni ati dubbittu kun sii galaaraa?>> jedhee gaafate. Namichille, <<Nami natti himu tokko adoo hin jiraatin hubatuu hin dande’u. Maganne’e, koyiitii na bira tee’i. Isaayaas ka barreesse, marroo ifii ti moo marroo nama dhibi’ii ti?>> jedheen.
Isaayaas marroo Yesuusii akka barreesse, Filiphoos nama Itoophiya’aa sanitti hime. Ammalle Filiphoos oduu gammadaa ta marroo Yesuusii dubbattu namichatti himiisaaf, kutaa jecha Waaqaa keessa jirtu ta dhibiille’etti fayyadame.
Filiphoosii fi nami Itoopiya’aa sun adoo deemanuu, addee bisaan jiru geyane. Nami Itoophiya’aa sun, <<Kunoo, bisaan achi jira; cuuphamuu ree?>> jedhe. Namichi garreettaa fardaan harkifamu oofu akka dhaabachiisu itti hime.
Tanaaf isaan gara bisaanii gad bu’ane; Filiphoos nama Itoophiya’aa san cuuphe. Isaan bisaan keessaa bayaneen duuba Ayyaanni Woyyichi dedhuma Filiphoos gara addee dhibi’ii butee fuudhee deeme; inni waan Yesuusii namootatti dubbataatuma deeme.
Nami Itoophiya’aa sun Yesuus waan beekeef gammadaa gara biyya ifii deebi’ee deeme.
Dabarsii Kitaaba Woyyichaa:- Hujii Ergantootaa 6: 8- 8:5, 8: 26-40
Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).