44. Pheexroosii fi Yohaannis Namicha Kadhataa Ture Fayyisane
Gaafa tokko Pheexroosii fi Yohaannis gara Galma Waaqaa deemane. Isaan gara karra Galma Waaqaa dura yennaa geyane namicha naafa beesee kadhatu tokko dhaggane.
Pheexroos ammoo namicha naafa san ilaalee, <<Ani beesee sii kennu womaa hin qabu; waan qabu ammoo sii kenna; maqaa Yesuusiitiin ka'ii ideemi!>> jedheen.
Yennuma san Waaqi namicha naafa san fayyise; namichille ideemiisa, ol utaaliisaa fi Waaqa galateeffatiisa jalqabe. Worri dalleya Galma Waaqaa keessa jiranu baaseffatane.
Kolbaan namicha fayye san ilaaliisaaf ariifattee itti dachaate. Pheexroos isaaniin, <<Namichi kun waan fayyeef maaf baaseffattan? Nuuti hunna teennaan yookiin hujii teenna dansa'aan isa hin fayyinne. Nama kana ka fayyise hunna Yesuusiitii fi dhugeeffannaa Yesuus kennu.
<<Akka inni Yesuus ijjeesu bulchaa Rooma’aatitti ka hime isin. Isin ka jiruu jalqabe ijjeettane. Waaqi ammoo du'aa isa kaase. Wonni godhaa turtane isinii galuu dhaddulle, Masiihiin akka rakkatuu fi akka du’u raaga dubbatame muummessiisaaf, Waaqi hujii teessanitti fayyadame. Tanaaf, cubbuun teessan akka isinii dhiqantu amma araara gala’aatii gara Waaqaa deebi’a’a>> jedhe.
Sooreyyiin Galma Waaqaa waan Pheexroosii fi Yohaanis dubbatanetti guddoo aarane. Tanaaf qabanee mana hidha’aatitt isaan galchane. Nami hedduun ammoo, ergaa Pheexroosii dhugeeffate. Laakkossi worra Yesuusitti dhugeeffateelle gara kuma shanii geye.
Boruyyaa sooreyyiin Yihudootaa, Pheexroosii fi Yohaannis gara hayyicha gudda’aatii fi gara sooreyyii dhugeeffanna’aa fidane. <<Nama naafa kana hunna attamiitiin fayyittane?>> jedhanee gaafatane.
Pheexroos, <<Nami kun hunna Masiihii Yesuusiitiin fayyee isin dura dhaabbateera. Isin Yesuus fannittane; Waaqi ammoo deebisee isa kaase. Isin isa hin fudhanne; hunna Yesuusiitiin malee karaan fayyinnaa ka dhibiin hin jiru>> jedhee deebii isaaniif kenne.
Pheexroosii fi Yohaannis sodaa malee waan dubbataneef sooreyyiin tun rifatte; sababille akka isaan namuma barumsa hin qanne tokko te’ane dhagganee ti; te’uu malee namooti kun akka isaan Yesuus woliin turane qaabatane. Maarre isaan Pheexroosii fi Yohaannis sodaachisaneen duuba, akka isaan deemanu gad lakkisane.
Dabarsii Kitaaba Woyyichaa HuE 3:1-4:22
Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).