43. Wolde’i Kiristaanaa Jalqabame

43. Wolde’i Kiristaanaa Jalqabame — illustration 1

Yesuus gara ol-gubba’aa deebi’een duuba barattooti Yeuusii akkuma inni isaan ajaje Yerusaalem keessa turane. Dhugeeffattooti achi jiranu adoo gargar hin kutin daadimatiisaaf wolitti qabamane.

43. Wolde’i Kiristaanaa Jalqabame — illustration 2

Yihudooti wogguma wogga’aan Jila Irra Dabaramaatiin duuba guyyaa shantama itti aanu jila <<Phenxeqostee>> jedhantu ulfeessaniiyyu. Phenxeqosteen jila galchaa midhaan ti. Yihudooti jila Phenxeqoste’ee tokkumma’aan ulfeessiisaaf biyya lafaa mara irraa gara Yerusaalemii dhufaniiyyu. Yennaa san Yesuus gara ol-gubba’aa deebi’ee gara torbaan tokkootiin duuba yennaan jila Phenxeqoste’ee geette.

43. Wolde’i Kiristaanaa Jalqabame — illustration 3

Dhugeeffattooti martinuu addee tokkotti wolitti qabamaneeranuun, dedhuma huuruun akka bubbee guddo'oo fakkaattu ol-gubbaa irraa dhuttee, mana isaan keessa jiranu guutte. Achiin duuba wonni bobe’a ibiddaa fakkaatu mataa dhugeeffattoota maraa irratti bu’e. Isaan martinuu Ayyaana Woyyichaan guutamanee, afaan adda addaatiin dubbatuu jalqabane.

43. Wolde’i Kiristaanaa Jalqabame — illustration 4

Worri Yerusaalem keessa jiru huuruu san yennaa dhage’ane, worri hedduun waan te’iisatti jiru kana ilaaliisaaf dhufane. Dhugeeffattooti sun bilbaasota Waaqaa odeessanuun namooti dhufane sun afaanuma ifiitiin waan dhage’aneef baaseffatane.

43. Wolde’i Kiristaanaa Jalqabame — illustration 5

Namooti tokko tokko, <<Barattooti tun machowaneeran>> jedhanee komatane. Pheexroos ammoo ol ka’ee, <<Na dhage’a’a! Worri kun hin machoonne. Raagi Waaqi karaa Yo’elii raagichaatiin, <Ani guyyaa muumme’ee ayyaana kiyya hin dhangalaasa> ka jedhe, raagi sun tanaan muummowa.

43. Wolde’i Kiristaanaa Jalqabame — illustration 6

<<Ee Kolbaa Israa’elii, isin akkuma dhaggitanee fi duruuyyuu akkuma beettanu, Yesuus nama karaa irree Waaqaatiin bilibaasota heddu’uu fi maadee hedduu huje. Isin ammoo isa fannittane.

43. Wolde’i Kiristaanaa Jalqabame — illustration 7

<<Yesuus du’ulle Waaqi du’aa isa kaase. Kunille, raaga, <Woyyichi keeti awwaala keessatti akka tortoru hin lakkittu> jedhutti muummowe. Waaqi jiraataa tolchee akka Yesuus du’a keessaa kaase nuuti martinuu dhugaa baatota.

43. Wolde’i Kiristaanaa Jalqabame — illustration 8

<<Yesuus amma midda Waaqa abba’aatitti tee’eera. Yesuus akkuma waadaa gale, Ayyaana Woyyicha ergeera. Wonni isin amma dhaggiisatti jirtanuu fi dhage’iisatti jirtanu waan Ayyaanni Woyyichi huje.

43. Wolde’i Kiristaanaa Jalqabame — illustration 9

<< Isin Yesuusii kana fannittane. Waaqi ammoo Gootta’aa fi Masiihii akka isa godhe dhugumaan beeka’a>> jedhe.

43. Wolde’i Kiristaanaa Jalqabame — illustration 10

Kolbaan waan Pheexroos jedhu dhageette sun, wonni inni dubbate sun akka malee gadhaa isaanii nyaattee, Pheexroosii fi barattootaan, <<Obboleeyyaan teenna, maan goonu ree?>> jedhanee isaan gaafatane.

43. Wolde’i Kiristaanaa Jalqabame — illustration 11

Pheexroos isaaniin, <<Waaqi cubbuu teessan akka isinii araaramu, tokko tokkoon keessan araara gala’aatii, maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphama'a; achiin duuba inni kennansa Ayyaana Woyyichaa isinii hin kenna>> jedhe.

43. Wolde’i Kiristaanaa Jalqabame — illustration 12

Namooti gara kuma sadii waan Pheexroos dubbate dhugeeffatanee, barattoota Yesuusii te’ane. Isaan cuuphamanee miseensa wolde’a kiristaana Yerusaalemii te’ane.

43. Wolde’i Kiristaanaa Jalqabame — illustration 13

Dhugeeffattooti sun adoo gargar hin kutin barumsa barattoota Yesuusii dhage’ane; isaan wol bira turane; woliin areerratane; woliif daadimatane. Woliin Waaqa galateeffatane; waan qabanu maralle woliin geyane. Nami marti dansaa isaaniif yaadate. Guyyuma guyya’aan nami hedduun dhugeeffate.

Dabarsii Kitaaba Woyyichaa HuE 2

Read in the reader

Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).