42. Yesuus Gara Ol-gubba’aa Deebi’e
Guyyaa Yesuus du’aa ka’e barattoota keessaa nami lama gara qachaa adaala sanii dhaqiisatti jiraniiyyu. Isaan adoo deemanuu marroo waan Yesuusirra dhaqqabee dubbatane. Isaan akka inni Masiihii te’e addii godhataneeraniiyyu; te’uu malee yennaa san keessa inni ijjeefame. Dubartooti <<Amma deebi’ee jiraataa te’eera>> jedhane. Barattooti lamaan sun waan itti dhugeeffatanu wollaalane.
Yesuus gara isaanii dhikaatee isaan woliin deemuu jalqabe. Isaan ammoo isa hin beenne. Inni marroo maanii akka haasowiisatti jiranu isaan gaafate. Isaanille waan bilbaasaa hedduu bultii diqqoo dabarte tana keessa Yesuusirra dhaqqabe mara itti himane. Isaan nama keessumma’aa ka waan Yerusaalem keessatti te’eeru hin beenne woliin waan haasowanu itti fakkaatte.
Achiin duuba Yesuus waan jechi Waaqaa marroo Masiihii dubbateeru miidhassee itti hime. Masiihiin akka rakkatuu fi akka ijjeefamu, te’uu malee guyyaa sadeesso’oo du’aa akka ka’u, waan raagoti dubbatane isaan qaabachiise. Jarri lamaan sun gara qachaa buliisaaf yaadanee yennaa geyanu, latti dhi’iisaaf diqqayyuma jirtiiyyu.
Jarri lamaan sun, <<Nu woliin buli>> jedhaneen; innille, <<Hin bula>> jedhe. Isaan irbaata nyaatiisaaf yennaa qophowane, Yesuus daabboo fuudhee Waaqa galateeffatee, achiin duuba caccasse. Isaan dedhuma akka Yesuus te’e beekane. Inni ammoo yennaa san ila isaanii duraa miliqe.
Jarri lamaan sun, <<Inni Yesuus! Yennaa inni jecha Waaqaa miidhassee nutti hime, gadhaan keenna gubate>> woliin jedhane. Isaan yennuma san gara Yerusaalemii deebi’ane; yennaa achi geyane barattoota dhibi’iin, <<Yesuus du’aa ka’eera! Nuuti isa dhaggineerra!>> jedhanee itti himane.
Barattooti adoo dubbatiisatti jiranuu, Yesuus dedhuma mana isaan jiranu keessa odduu isaaniititti mudhatee, <<Nageenni isiniif te’u!>> isaaniin jedhe. Barattooti ekeraa seyane. Yesuus ammoo, <<Maaf sodaattan? Maaf mantan? Harkaa fi miila kiyya ilaala’a. Ekeraan akka kiyya nafa hin qaddu>> jedheen. Akka ekeraa hin te’in mudhisiisaaf waan nyaatu akka kennanuuf gaafate. Isaanille qurxummii woddane irraa diqqoo isi’ii kennaneefi; nyaatelle’e.
Yesuus, <<Jechi Waaqaa ka marroo tiyyaaf barreeffame marti muummowuu qaba>> jedhee isinitti himeera. Yennaa san jecha Waaqaa akka hubatanuuf qalbii isaanii baneef. <<Masiihiin akka rakkatu, akka du’u, guyyaa sadeesso’oo du’aa akka ka’u bara heddu’uun dura barreeffanteerti>> jedhe.
Ammalle <<Kitaabota keessatti araara cubbu’uu dhaggatiisaaf namooti marti araara akka galanuuf barattooti tiyya akka lassanu barreeffanteerti. Isaan Yerusaalemii jalqabanee tana hin godhan; achiin duuba gara gosa biyya adda addaa hin dhaqan. Isin dhugaa baatota waan kanaa ti>> jedhe.
Yesuus guyoota afurtama itti aananu keessatti yennaa hedduu barattoota ifiititti mudhate. Gaafa tokko inni namoota dhibba shan caalanutti yennaa takkatti’itti itti mudhate. Akka du’aa ka’e karaa heddu’uun barattoota ifiitiif mirkaneesse. Marroo mootummaa Waaqaalle isaan barsiise.
Yesuus barattoota ifiitiin, <<Ol-gubba’aa fi lafa irratti baalliin marti anaaf kennanteerti. Tanaaf dhaqa’aatii kolbaa biyya adda addaa mara maqaa Abba’aa, maqaa Ilmaatii fi maqaa Ayyaana Woyyichaatiin cuuphaa, waan ani isin ajaje mara akka muummessanu barsiisaa barattoota tiyya godha’a. Ani yennaa mara isin woliin akka jiraadhu qaabadha’a>> jedheen.
Yesuus du’aa ka’ee guyyaa afurtamaan duuba barattoota ifiitiin, <<Yennaa Ayyaanni Woyyichi isin irratti bu’e, haga abbaan kiyya hunna isinii kennutti Yerusaalem keessa tura’a>> jedheen. Achiin duuba Yesuus gara ol-gubba’aa baye. Duumensille ila isaanii duraa isa golle. Yesuus dada mara bulchiisaaf midda Waaqaa tee’e.
Dabarsii Kitaaba Woyyichaa:- Mat 28:16-20; Mar 16:12-20; Luq 24:13-53; Yoh 20:19-23; HuE 1:1-11
Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).