41. Waaqi Yesuus Du’a Keessaa Kaase
Loltooti Yesuus fannisaneen duuba, sooressitooti Yihudootaa ta hin dhugeeffanne Philaaxoosiin, <<Yesuusiin dharaamessi sun, <Ani guyyaa sadiin duuba du’a keessaa hin ka’a> jedheera. Barattooti isaa reeffa isaa hatanee, du’a keessa ka’e> akka hin jenne, nami tokko addee inni itti awwaalame san eeguu qaba>> jedhane.
Philaaxoos, <<Loltoota tokko tokko fuudha’aatii addee awwaalaa san akka eeganu godha’a>> jedhe. Tanaaf dhakaa seensuma goda awwaalaa san irra jiru irratti chaappaa dhowanee, eennulle reeffa isaa san hatuu akka hin dandeenne mirkaneessiisaaf, loltooti akka eeganu godhane.
Yesuus fannifameen duuba guyyaan itti aanu guyyaa sanbataa ti. Guyyaa san Yihudooti gara addee awwaalaa akka dhaqanu isaaniif hin eeyyamamu. Tanaaf guyyaa sanbataatiin duuba ganama dubartooti itti dabalanee fiqiree reeffa Yesuusii issiisaaf gara addee awwaala Yesuusii dhaqiisaaf qophowane.
Tasuma tacho’i lafaa guddaan te’e. Ergamaan akka balaqqeetti’ii ifu ol-gubbaa irraa mudhate. Dhakaa seensuma goda awwaalaa irra jiru irraa konkolaachisee irra tee’e. Loltooti addee awwaalaa san eegiisatti jiranu sodaatanee, akka nama du’ee te’anee lafatti jigane.
Dubartooti gara addee awwaalaa san yennaa geyane, ergamaan Waaqaa, <<Hin sodaatina’a Yesuus as hin jiru. Akkuma, <Ani hin ka’a> jedhee dubbate, du’aa ka’eera! Goda awwaalaa ilaala’aatii dhagga’a>> jedhee hime. Dubartooti sun goda awwaalaa san keessa ilaalanee addee reeffa Yesuusii keyane san dhaggane. Reeffi isaa achi hin jiruuyyu.
Achiin duuba ergamaan Waaqaa, <<Dhaqa’aatii, <Yesuus du’aa ka’eera; inni isiniin dura gara Galiila’aa hin dhaqa> jedha’aatii barattootatti hima’a>> jedhee dubartootatti hime.
Dubartooti soda’aa fi gammada gudda’aan guutamane. Isaan oduu gammadaa barattootatti himiisaaf rukkisaa deemane.
Dubartooti sun oduu gammadaa tana barattootatti himiisaaf adoo deemiisatti jiranuu Yesuus isaanitti mudhate; isaanille isaaf sagadane. Yesuus, <<Hin sodaatina’a. Gara Galiila’aa akka dhaqanu barattoota tiyyatti hima’a. Isaan achitti na dhaggan>> jedhe.
Dabarsii Kitaaba Woyyichaa Mat 27:62-28:15; Mar 16:1-11; Lu 24:1-12; Yoh 20:1-18
Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).