40. Yesuus Fannifame
Loltooti Yesuusitti murganeen duuba fannisiisaaf geessane. Waan irratti du’u akka inni ba’atu godhane.
Loltooti gara addee, <<Buqqii Mata’aa>> jedhatu Yesuus geessanee, miilaa fi harka isaa fannoo irratti woraanane. Yesuus ammoo, <<Abbaa kiyya, waan godhanu hin beekanuu isaaniif araaram>> jedhe. Philaaxoos beessisa irratti, <<Mootii Yihudootaa>> jedhanee barreessanee, mataa Yesuusiitiin gubba’atti fannoo gubbaa akka keyanu ajaje.
Loltooti woyaa Yesuusii irratti hixaa buufatane. Yennaa waan kana isa irratti godhane raaga, <<Woyaa tiyya qoqoodamane; woyaa tiyya irratti hixaa buufatane>> jedhu muummessane.
Yesuus alagaltoota lama wodhakka’atti fannifame. Tokkochi Yesuusitti murge; kuun ammoo, <<Ati Waaqa hin sodaattuu? Nuuti yakkaameyyi’i; nami kun ammoo yakkaa hin qabu>> jedhe. Achiin duuba inni Yesuusiin, <<Maganne’e, mootummaa teeti keessatti na qaabadhu>> jedhe. Yesuus deebisee, <<Adhuma ana woliin addee gammadaa keessa jiraatta>> jedheen.
Sooreyyiin Yihudootaatii fi worri dhibiin ka wodhakkaa kolba’aa jiru Yesuusitti taphatanee, <<Ilma Waaqaa yoo teete fannoo irraa gad bu’iitii ifi fayyis! Achiin duuba nuuti sitti hin dhugeeffanna>> jedhaneen.
Yennaa san latti orraa sa’aatii jaa teetulle, adaalli sun marti dukkana dimma te’e. Orraa sa’aatii jaa haga sa’aatii sagalii dukkanoweetuma turte.
Achiin duuba Yesuus qoonqoo guddo’oon, <<Muummotte! Abbaa kiyya lubbuu tiyya harka keetitti kennadha>> jedhe. Achiin duuba gad jedhee ayyaana ifii kenne. Yennaa inni du’e latti tachoote; gollaan Galma Waaqaa keessa jiru guddichi ka kolbaa addee Waaqi itti dhaggamu irraa adda baase gubba’aa haga jalaatitti addee lamatti gargar tarse’e.
Yesuus karaa du’a ifiitiin namooti gara Waaqaa akka dhufanu karaa isaaniif bane. Loltichi Yesuus eegaa ture waan te’e san mara yennaa dhagge, <<Dhugumaan nami kun yakkaa hin qabu. Inni Ilma Waaqaa ti>> jedhe.
Yennaa san Sooreyyiin Yihudootaa lamaan ka Yesuus akka Masiihii ite’e dhugeeffatane, Yoseefii fi Niqodimoos reeffi Yesuusii akka isaaniif kennamu Philaaxoos kadhatane. Isaan woyaa qoolaatiin maranee goda awwaalaa keessa keyane. Achiin duuba afaan awwaalaa cufiisaaf dhakaa itti gangalchane.
Dabarsii Kitaaba Woyyichaa Mat 27:27-61; Mar 15:16-47; Luq 23:26-56; Yoh 19:17-42
Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).