39. Yesuus Mura’aaf Dhikaate
Amma latti halkan wodhakka’a. Hayyichi guddaan akka isa gafatuuf loltooti gara mana hayyicha gudda’aa Yesuus geessane. Pheexroos irraa fagaatee isaan hordofe. Yennaa isaan Yesuus gara manaa seensisane, Pheexroos ala tee’ee ibidda o’ifataayyu.
Mana keessatti sooreyyiin Yihudootaa Yesuus mura’aaf dhikeessane. Isaan dhugaa baatota marroo isaa dhara dubbatane hedduu fidane. Te’uu malee jechi isaanii wolii hin galle. Tanaaf, sooreyyiin Yihudootaa waan tokkolle’een akka Yesuus yakkaamessa te’e mirkaneessiisa hin dandeenne.
Dhuma irratti hayyichi guddaan ila itti qabee Yesuus ilaalee , <<Nutti himi; ati Masiihii, Ilma Waaqa jiraata’aa ti?>> jedheen.
Yesuus, <<Anuma; ani Waaqa woliin tee’ee ol-gubbaa irraa dhufuun hin dhaggita>> jedhe. Hayyichi guddaan aari’iin woyaa ifii tarsaasee, sooressitoota dhugeeffanna’aa worra kaaniin, <<Dhugaa bayoota dhibii hin barbaachisu! <Ani ilma Waaqaa ti> jedhuun dhageettaneertan. Muraan teessan maan?>> jedhee qoonqoo guddo’oon dubbate.
Sooreyyiin Yihudootaa marti, <<Du’uu qaba!>> jedhanee hayyicha gudda’aaf deebii deebisane. Achiin duuba fuula Yesuusii gollanee, itti tufanee, dhaananee itti murgane.
Pheexroos manaan alatti adoo eegiisatti jiruu intalti hojjattuun manaa takka isa dhaggitee, <<Atille Yesuus woliin jirtaayyu!>> jetteen. Pheexroos waan isiin jette mormate. Achiin duuba hojjattuun manaa ta dhibiin woma tuun jette isiille jetteen. Pheexroos ammalle mormate. Dhuma irratti kolbaan, <<Isin lamaanuu worra Galiila’aa waan teetaneef, akka ati Yesuus woliin jirtu hin beenna>> jedhane.
Saniin duuba Pheexroos, <<Ani yoo nama kana beeku teete abaarsi Waaqaa na dhaqqabuu ti>> jedhee kakate. Yoma san lukkuun iyyite; Yesuus garagalee Pheexroos ilaale.
Pheexroos deemee laaleffatee booye. Adoo inni booyiisatti jiruu ka Yesuus dabarsee kenne Yihudaan, sooryyiin Yihudootaa du’a Yesuusitti akka murane dhagge. Yihudaan guddoo gaddee dhaqee ifi ijjeese.
Boruyyaa ganama sooressitooti Yihudootaa, gara Philaaxoosii bulchaa worra Rooma’aa Yesuus fidane. Isaan, <<Philaaxoos, Yesuusiin, <Ati yakkaamessa> jedhee du’a itti muree, akka inni du’aan adabamu hin godha>> jedhanee addatane. Philaaxoos, <<Ati mootii Yihuda’aa tii?>> jedhee Yesuus gaafate.
Yesuus deebisee, <<Atinuu jette; te’uu malee mootummaan tiyya mootummaa biyya lafaatii moti. Adoo akkas teetee, tajaajiltooti tiyya anaaf hin loltiiyyu. Ani marroo dhugaa Waaqaa dubbatiisaaf gara biyya lafaa dhufe. Ka dhuga jaalatu marti ana hin dhage’a>> jedhe. Philaaxoos, <<Dhugaan maan?>> jedhe.
Philaaxoos Yesuus woliin dubbateen duuba gara kolba’aa gad bayee, <<Ani nama kana irratti womaa yakkaa hin dhaggine>> jedhee deebise. Sooreyyiin Yihudootaatii fi kolbaan ammoo, <<Fannis!>> jedhaa iyyane. Philaaxoos, <<Inni yakkaamessaa moti>> jedhee deebise. Isaan ammoo irra caalaa iyyane. Achiin duuba Philaaxoos yennaa sadeesso’oo, <<Inni yakkaa hin qabu>> jedhe.
Philaaxoos kolbaan woy jeequu jalqaddi jedhee sodaate. Tanaaf akka isaan Yesuus fannisanu loltoota ifii ajaje. Loltooti worra Rooma’aa Yesuus dhaananee woyaa diintuu itti uffisanee, kallacha qore’ee mataa isaatitti keyane. Achiin duuba, <<kunoo, mootii Yihudootaa!>> jedhaa itti murgane.
Dabarsii Kitaaba Woyyichaa:- Mat 26:57-27:26; Mar 14:53-15:15; Luk 54-23:25;Yoh 18:12-19:16
Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).