38. Yesuus Dabarfamee kenname
Yihudooti wogguma wogga’aan Jila Irra Dabaramaa jilifataniiyyu. Jilti tun Waaqi woggaa dhibba heddu’uun dura abbootii isaanii ta durii garbummmaa biyya Gibxi’ii jalaa attam akka baase yaadatiisaaf ta jilifantu. Yesuus ifatti lallabiisaa fi barsiisa jalqabee gara woggaa Sadiititti, jila tana Yerusaalem keessatti isaan woliin jilifatuu akka barbaade, achille’etti akka ijjeefamu barattoota ifiititti hime.
Barattoota Yesuusii keesssaa tokko nama Yihudaa jedhamu. Yihudaan itti gaafatamaa subbba beesee barattootaa ti; inni beesee waan jaalatuuf ammoo, yennaa hedduu subba keessaa beesee hataayyu. Yesuusii fi barattooti isaa Yerusaalem geyaneen duuba, Yihudaan gara sooreyyii Yihudootaa dhaqee beese’een dabarsee isa kenniisaaf isaaniin woliigale. Yesuus Masiihii akka te’e sooreyyiin Yihudootaa akka mormane, isa ijjeesiisaafille akka mala itti dhowane beeke.
Sooreyyiin Yihudootaa mootota(sooressitoota) hayyootaatiin sooreffamaa, akka inni dabarsee Yesuus isaaniif kennu, isaan beesee soddoma Yihuda’aaf kennane. Inni akka isaan Yesuus qabanu qarqaariisaaf yennaa dagu’uu barbaadatiisa jalqabe.
Yesuus barattoota ifii woliin Yerusaalem keessatti Jila Irra Dabaramaa jilise; yennaa sagalee Jila Irra Dabaramaa san Yesuus xaltaa daabbo’oo fuudhee caccassee, <<Ho’aa nyaadha’a; kun foon kiyya ka isiniif kenname; kana qaabbii tiyyaaf godhadha’a>> jedhe. Akka kanaan foon isaa marroo isaatiif akka kennamu isaanitti hime.
Achiin duuba Yesuus muduunuu fuudhee, <<Kana una’a. Ka araara cubbu’uutiif dhangala’u dhiiga kiyya ka Gondooroo Haareyaa ti. Yennaa kana untanu mara qaabbii tiyyaaf godhadha’a>> jedhe.
Saniin duuba Yesuus barattoota ifiitiin, <<Isin keessaa tokkochi dabarsee ana hin kenna>> jedhe. Barattooti isaa rifatanee, waan akkasii ka godhu eennu akka te’e isa gaafatane. Yesuus, <<Nami ani xaltaa daabbo’oo kana cassee itti kennutti dabarsee ana kenna>> jedhe. Achiin duuba inni xaltaa daabbo’oo cassee Yihuda’aaf kenne.
Yihudaan daabboo san fudhateen duuba seexanni isa seene. Yihudaan akka Yesuus qabanu sooreyyii Yihudootaa qarqaariisaaf deeme. Yennaan sun galgala.
Yesuusii fi barattooti isaa irbaata nyaataneen duuba gara gaara ejersaa deemane. Yesuus, <<Adha galgala isin marti ana hin lakkittan. <Ani tissee hin dhowa; hooloti hin xexeeraman> jedhantee barreeffanteerti>> jedhe.
Pheexroos, <<Worri dhibiin marti yoo si lakkisanelle, ani ammoo si hin lakkisu!>> jedhee deebise. Yennaa san Yesuus, Pheexroosiin, <<Seexanni isin mara fudhatiisaaf barbaada; garuu akka dhugeeffannaan teeti hin laanne ani si’iif daadimadheera. Te’uu malee edanuma adoo lukkuun hin iyyin akka ana hin beenneetitti yennaa sad ana hin mormatta>> jedhe.
Yennaa san Pheexroos, Yesuusiin , <<Ka du’ulle yoo teete, ani ijjumaa si hin mormadhu>> jedhe. Barattooti dhibiille martinuu akkasuma jedhane.
Achiin duuba Yesuus barattoota ifii woliin gara addee <<Getesemaanee>> jedhantuu deeme. Yesuus gara ataabe’ee akka hin galle akka daadimatanu barattoota ifiititti hime. Achiin duuba Yesuus daadimatiisaaf qofuu deeme.
Yesuus yennaa sad daadimatee, <<Abbaa kiyya, yoo dande’ame akka ani muduunuu tana hin unne godhi. Te’uu malee karaan cubbuu namootaatiif araarri kennamuun ka dhibiin yoo hin jiraatin, fedhi keeti te’uu ti>> jedhe. Yesuus guddoo muddamee, danfi isaalle akka coccopha dhiigaa coccophe. Waaqi isa jajjabeessiisaaf ergamaa ifii erge.
Yesuus yennaa daadimanna’aa san tokko tokkoonuu duuba gara barattoota ifii deddeebi’e; isaan ammoo rafaneeraniiyyu. Inni yennaa sadeesso’oo deebi’ee, <<Ka’a’a! Ka ana dabarsee kennu as jira>> jedhe.
Yihudaan sooreyyii Yihudootaa, loltootaa fi kolbaa hedduu woliin dhufe. Isaan goraade’ee fi ciiraa qabataneeraniiyyu. Yihudaan gara Yesuusii dhufee, <<Barsiisa’a, attam nageya!>> jedhee sunqate. Kunille sooreyyiin Yihudootaa eennu akka qabanu beessisa himame. Achiin duuba Yesuus, <<Yihuda’a, sunqatiisaan dabarsitee ana kennitaa?>> jedheen.
Akkuma loltooti Yesuus qabaneen, Pheexroos goraadee buqqifatee gurra garbicha hayyicha gudda’aa kute. Yesuus, <<Goraadee keeti gonofa’atti deebifadhu! Akka ana irraa dhoogganu duula ergantootaa akka naa erguuf abbaa kiyya gaafatuu hin dande’a>> jedhe. Achiin duuba Yesuus gurra namichaa fayyise. Yesuus qabameen duuba baratttooti isaa marti baqatte.
Dabarsii Kitaaba Woyyichaa:- Mat 26:14-56; Mar 14: 10-50; Luq 22:1-53; Yoh 12:6, 18:1-8
Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).