37. Yesuus Alaazar Du’aa Kaase

37. Yesuus Alaazar Du’aa Kaase — illustration 1

Gaafa tokko ergaan, <<Alaazaar guddoo dhibameera>> jettu Yesuus dhaqqadde. Alaazarii fi obboleeyyan isaa ta durraa lamaan Maariyamii fi Maartaan fira Yesuuii ka dhiko’oo ti. Yesuus yennaa oduu tana dhage’e, <<Dhiboon tun ulfinna Waaqaatiif malee akka du’uufii moti>> jedhe. Yesuus fira ifii hin jaalataayyu. Te’uu malee guyyaa lama adduma jiru san ture.

37. Yesuus Alaazar Du’aa Kaase — illustration 2

Guyyaan lama dabareen duuba, Yesuus barattoota ifiitiin, <<Ka’a’a, Yihudaa dhandha> jedhe. Barattooti isaa ammoo, <<Ee barsiisa’a, yennaa diqqo’oon dura kolbaan achi keessaa si ijjeesiisaaf barbaaddiiyyu>> jedhanee deebii isaaf kennane. Yesuus, <<Firri keenna Alaazar rafeera; hirriibaa isa kaasiisaaf dhaqa>> jedhe.

37. Yesuus Alaazar Du’aa Kaase — illustration 3

Barattooti Yesuusii, <<Ee Gootta’a, Alaazar yoo rafee jiraate hin fayya>> jedhaneen. Yennaa san Yesuus diidessee itti himee, <<Alaazar du’eera; akka isin anatti dhugeeffattanuuf ani waan achi hin jiraatiniif guddoo gammadeera>> jedhe.

37. Yesuus Alaazar Du’aa Kaase — illustration 4

Yesuus gara qachaa Alaazar itti dhalate yennaa geye, Alaazar du’ee guyyaa afur geyeeraayyu. Maartaan Yesuusiin wol dhaggiisaaf gad baatee, <<Goottaa kiyya, adoo ati as jiraattee, silaa obboleessi kiyya hin du’uuyyu. Ammoo Waaqi waan ati isa kadhattu mara akka si’iif kennu hin dhugeeffadha>> jette.

37. Yesuus Alaazar Du’aa Kaase — illustration 5

Yesuus isi’iif deebisee, <<Du’aa ka’iisaa fi jiruun ana. Ka anatti dhugeeffatu marti yoo du’elle jiraataa hin te’a. Ka anatti dhugeeffatu marti ijjumaa hin du’u. Tana hin dhugeeffattaa?>> isi’iin jedhe. Maartaan, <<Ee, Gootta’a! Ati Maasiihii, ilma Waaqaa akka teete hin dhugeeffadha>> jettee isaaf deebitte.

37. Yesuus Alaazar Du’aa Kaase — illustration 6

Achiin duuba Maariyaamille dhutte. Miila Yesuusiititti jiddee, <<Goottaa kiyya, adoo ati as jiraattee, silaa obboleessi kiyya hin du’uuyyu>> jette. Yesuus, <<Alaazar eessa keettane?>> jedhee isaan gaafate. Isaan, <<Awwaala keessa. Koyiitii ilaali>> jedhanee itti himane. Achiin duuba Yesuus booye.

37. Yesuus Alaazar Du’aa Kaase — illustration 7

Awwaalli goda keessa; dhakaan itti cuqqalameeraayyu. Yesuus yennaa awwaala bira geye, dhakaa irraa konkolaachisa’a>> jedhee isaanitti hime. Maartaan ammoo, <<Haga du’ee guyyaa afur geyeera. Amma ajoweera>> jetteen.

37. Yesuus Alaazar Du’aa Kaase — illustration 8

Yesuus, <<Yoo anatti dhugeeffatte, ulfinna Waaqaa akka dhaggitanu ani sitti himeeraa motii?>> isi’iin jedhe. Tanaaf isaan dhakaa konkolaachisane.

37. Yesuus Alaazar Du’aa Kaase — illustration 9

Achiin duuba Yesuus ol ilaalee, <<Abbaa kiyya, waan naa dhageettuuf si galateeffadha. Ati yennaa mara akka naa dhageettu hin beeka; ammoo akka ati na ergite akka dhugeeffatanu, marroo worra as dhaabbataneetiif, marroo namoota kana maraatiif tana jedha>> jedhe. Achiin duuba Yesuus, qoonqoo ol qabatee, <<Alaazar, gara alaa koyi!>> jedhe.

37. Yesuus Alaazar Du’aa Kaase — illustration 10

Tanaaf, Alaazar gad baye. Akkuma woya’aan marameeruun jiraayyu. Yesuus, <<Hiika’aatii, deemuutii lakkisa’a>> isaaniin jedhe. Yihudoota keessaa nami hedduun sababa bilbaasa kanaatiif, Yesuusitti dhugeeffatane.

37. Yesuus Alaazar Du’aa Kaase — illustration 11

Te’uu malee sooreyyiin dhugeeffattoota Yihudootaa hinaafane. Tanaaf, Yesuusii fi Alaazar attamiin akka ijjeesuu qabanu karoorfatiisaaf, addee tokkotti wolitti qabamane.

Dabarsii Kitaaba Woyyichaa:- Yohaannis 11:1-46.

Read in the reader

Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).