36. Bifi Yesuusii jijjiirame.
Gaafa tokko Yesuus barattoota ifii sad Pheexroos, Yaaqoobii fi Yohaannis fudhatee daadimatiisaaf gara gaara dheera’aa ol bayane. (Barataan Yohaannis jedhame kun ka Yesuus harka isaatitti cuuphamee moti)
Yesuus adoo daadimatiisatti jiruu, fuulli isaa akka adu’uu ife; woyaan isaalle akka ifaa adii teete; nami lafa irra jiru eennulle qulqullee haga hin dandeennetti akka malee addaatte.
Yennaa san Muuse’ee fi Eliyaas mudhatane. Namooti kun woggaata dhibba heddu’uun dura lafa irra le’ane. Marroo du’a isaa ta yennaa gabaadduu keessatti Yerusaalem keessatti Yesuus irratti teetuu Yesuus woliin dudubbatane.
Meese’ee fi Eliyaas Yesuus woliin adoo dubbatiisatti jiranuu, Pheexroos, Yesuusiin, <<Asitti dhaggamuun keenna dansa’a. Gosee sadiin takkattii si’iif, takkattii Muuse’eef, akkasuma takkattii Eliyaasiif ijaarruu ti>> jedhe. Pheexroos waan dubbatuuyyuu hin beenne.
Adoo pheexroos dubbatiisatti jiruu, duumensi adiin dhufee isaan marsee, duumensa keessaa qoonqoon, <<Ilmi kiyya ka ani isaan gammadu ka ani jaaladhu kana>> jette. Barattooti sadiinuu sodaatanee lafa irratti jigane.
Yennaa san Yesuus isaan qaqqabee, <<Hin sodaatina’a; ka’a’a>> isaaniin jedhe. Isaan yennaa adaala ifii ilaalanu Yesuus malee eennulle hin jiru.
Yesuusii fi barattooti sadiinuu gaara irraa gad bu’ane. Yennaa san Yesuus, <<Waan asitti te’e kana nama tokkolle’etti hin himina’a. Ani dafee hin du’a; hin ka’alle’e. Achiin duuba namootatti dubbatuu hin dandeettan>> isaaniin jedhe.
Dabarsii Kitaaba Woyyichaa:- Maatewoos 17:1-9; Maarqoos 9:2-8; Luqaas 9:28-36.
Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).