33. Dabarsii Qonnaan Bulaa Tokkoo
Gaafa tokko Yesuus irga abbaaya’aa biratti kolkaa bacaa barsiisaa ture. Yesuus isaanitti dubbatiisaaf addee badhoo dhaggatiisaaf qarqara bisaaniititti hoboloo keessa seenee haga tee’utti kolbaan akka malee bacattu isa caqasiisaaf dhutte. Inni hoboloo irra tee’ee kolbaa barsiise.
Yesuus darasii tana dubbate: <<Qonnaan bulaan tokko sanyii facaasiisaaf baye. Yennaa inni harkaan sanyii facaasu sanyiin tokko tokko karaa irga buute; simbirrooti dhuttee sanyii san mara qocattee nyaatte.
<<Sanyiin dhiibiin lafa biyyeen guddoon irra hin jirre lafa rassa’aa irra buute; te’uu malee hiddi isi’ii gara biyye’ee gad seeniisa hin dandeenne. Aduun baatee yennaa o’ite lattuun sun qoortee godde.
<< Ammalle ta dhibiin lafa qore’ee odduu buute. Sanyiin tun latiisa jalqadde; te’uu malee qoreen huute. Tanaaf, lattuun lafa qore’ee irratti latte womaa midhaan hin buunne.
<<Sanyiin dhibiin lafa dansaa irra buute. Sanyiin tun lattee takkattiin midhaan soddoma, takkattiin midhaan jaatama, tuun midhaan dhibba butte. Ka gurra qabu dhage’uu ti>> jedhe.
Dabarsiin tun barattoota Yesuusii bitaatteffatte. Tanaaf, Yesuus isaaniif hiikee, <<Sanyiin jecha Waaqaa ti. Ta karaa irga buute nama jecha Waaqaa dhage’u; garuu hin hubatu; Durriis jecha san isa irraa fudhata.
<<Sanyiin lafa rassa’aa irratti facaafante nama jecha Waaqaa gammadaan fudhatu; garuu rakkinni yookiin ariisaan yennaa itti dhufe inni dhugeeffannaa ifii hin lakkisa.
<<Sanyiin lafa qore’ee irra buute nama jecha Waaqaa dhage’u; garuu yenna’aan duuba yaaddoon lafa tanaa, durumma’aa fi gammad jalala inni Waaqaaf qabu hin hudhan. Sababa kanaaf, barumsi inni dhage’e sun midhaan hin buusu.
<<Latti dansaan sun nama jecha Waaqaa dhage’u; nama dhugeeffatee midhaan buusu>> jedhe.
Dabarsii Kitaaba Woyyichaa:- Maatewoos 13: 18-23; Maarqoos 4: 1-8, 13-20; Luqaas 8: 4-15.
Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).