32. Yesuus Nama Ayyaana Hama’aan Qabameeruu fi Dubartittii Dhibanteertu Takka Fayyise

32. Yesuus Nama Ayyaana Hama’aan Qabameeruu fi Dubartittii Dhibanteertu Takka Fayyise — illustration 1

Gaafa tokko Yesuusii fi barattooti isaa hobolo’oon abbaayaa gamatti bu’anee, gara lafa worri Gadara’aa keessa le’anu dhaqane.

32. Yesuus Nama Ayyaana Hama’aan Qabameeruu fi Dubartittii Dhibanteertu Takka Fayyise — illustration 2

Isaan yennaa abbaaya’aan gama geyane, namichi ayyaanni hamaan qabeeru tokko rukkisee gara Yesuusii dhufe.

32. Yesuus Nama Ayyaana Hama’aan Qabameeruu fi Dubartittii Dhibanteertu Takka Fayyise — illustration 3

Namichi kun akka malee hunnaamessa eennulle isa tooyatuu hin dandeenne. Namooti harkaa fi miila isaa wodaroo sibiilaatiin hidhane; te’uu malee inni wodaroo sibiilaa san xaxxare.

32. Yesuus Nama Ayyaana Hama’aan Qabameeruu fi Dubartittii Dhibanteertu Takka Fayyise — illustration 4

Namichi sun hirreensota adaala sanii odduu la’aa ture. Namichi kun halkanii fi guyyaa mara hin iyya. Woyaalle hin uffatu; inni itti deddeebi’ee nafa ifii dhaka’aan duguugaa ture.

32. Yesuus Nama Ayyaana Hama’aan Qabameeruu fi Dubartittii Dhibanteertu Takka Fayyise — illustration 5

Namichi sun yennaa gara Yesuusii dhufe, Yesuus duratti jilbiiffatee isaaf sagade. Yesuus ayyaana hama’aan, <<Nama kana keessaa bayi!>> jedhe.

32. Yesuus Nama Ayyaana Hama’aan Qabameeruu fi Dubartittii Dhibanteertu Takka Fayyise — illustration 6

Namichi ayyaanni hamaan keessa jiru sun qoonqoo guddo’oon, <<Ati ilma Waaqa ol aana’aa, maan narraa barbaadda? Maganne’e, na hin farrisiisin>> jedhee iyye. Achiin duuba Yesuus, <<Maqaan keeti eennu?>> jedhee ayyaana hamaa san gaafate. Ayyaanni hamaan sun, <<Nuuti bacaa waan teeneef, maqaan kiyya duula>> jedhee deebise.

32. Yesuus Nama Ayyaana Hama’aan Qabameeruu fi Dubartittii Dhibanteertu Takka Fayyise — illustration 7

Ayyaanoti hamooti sun, <<Maganne’e, adaala kanaa nu hin fageessin!>> jedhanee isa kadhatane. Tiki booyyotaa kooba irratti bobba’aneeraniiyyu. Tanaaf, ayyaanoti hamooti sun, <<Maganne’e, booyyota sanitti akka galluuf itti nu ergi!>> jedhanee Yesuus kadhatane. Yesuus, <<Deema’a!>> isaaniin jedhe.

32. Yesuus Nama Ayyaana Hama’aan Qabameeruu fi Dubartittii Dhibanteertu Takka Fayyise — illustration 8

Ayyaanoti hamooti sun namicha san keessaa bayanee booyyota sanitti galane. Booyyoti sun roga qile’ee irraa gad gara abbaaya’aa oriitee liqinfante. Booyyoti sun gara kuma lamaatitti laakkowamaniiyyu.

32. Yesuus Nama Ayyaana Hama’aan Qabameeruu fi Dubartittii Dhibanteertu Takka Fayyise — illustration 9

Tissitooti booyyee sanii yennaa waan te’e kana dhaggane, gara qacha’aa rukkisanee, waan Yesuus godhe kana mara nama dhaggane maratti odeessane. Namooti qachaa keessaa sun dhufanee, namicha ayyaana hama’aan qabamee ture san dhaggane; inni woyaa ifii uffatee akkuma nama fayyaalessaa te’ee tee’eeraayyu.

32. Yesuus Nama Ayyaana Hama’aan Qabameeruu fi Dubartittii Dhibanteertu Takka Fayyise — illustration 10

Namooti waan sodaataneef, akka inni deemuuf Yesuus gaafatane. Tanaaf, Yesuus hoboloo keessa seenee deemiisaaf qophoye. Namichi ayyaanni hamaan keessaa baye sun isa woliin deemiisaaf Yesuus kadhate.

32. Yesuus Nama Ayyaana Hama’aan Qabameeruu fi Dubartittii Dhibanteertu Takka Fayyise — illustration 11

Te’uu malee Yesuus, <<Lakkii! Gaga mana keetii deemi; waan Waaqi sii godhe mara, attam akka inni si mararelle worra keetitti akka ati odeessitu fedha>> jedheen.

32. Yesuus Nama Ayyaana Hama’aan Qabameeruu fi Dubartittii Dhibanteertu Takka Fayyise — illustration 12

Tanaaf, namichi deemee waan Yesuus isaaf godhe nama maratti odeesse. Nami oduu tana dhage’e marti baaseffatee maade’een guutame.

32. Yesuus Nama Ayyaana Hama’aan Qabameeruu fi Dubartittii Dhibanteertu Takka Fayyise — illustration 13

Yesuus gara abbaaya’aan gamaa deebi’e. Inni yennaa achi geye, kolbaan hedduun adaala isaatitti wolitti qabantee isa dhiphitte. Kolbaa san odduu dubartittiin woggaa kudhanii lamaaf dhiigi isi’ii jigaa ture takka jirtiiyyu. Akka isii fayyisanuuf beesee ifii mara cidheeyyi’iif kaffalaa turte. Garuu ittuma hammaate.

32. Yesuus Nama Ayyaana Hama’aan Qabameeruu fi Dubartittii Dhibanteertu Takka Fayyise — illustration 14

Isiin akka Yesuus worra dhibamaa hedduu fayyise waan dhageetteertuuf, <<Woyaa Yesuusii caallaa yoo tuqe ani yennaa san dhugumaan hin fayya>> jettee yaadatte. Tanaaf, Yesuus duubaan dhuttee, woyaa isaa tuxxe. Isiin akkuma woyaa isaa tuxxeen dhiigi isi’ii yoosuma jiguu lakkise.

32. Yesuus Nama Ayyaana Hama’aan Qabameeruu fi Dubartittii Dhibanteertu Takka Fayyise — illustration 15

Yennuma san Yesuus akka hunni isa keessaa baate beeke. Tanaaf, inni gara duubaa garagalee, <<Ka na tuqe eennu?>> jedhee gaafate. Barattooti isaa, <<Namooti adaala keetitti dacha’anee si dhiphisanu hedduun jiran. Ati maaf, <Ka na tuqe eennu?> jettee gaafatta?>> jedhanee isaaf deebisane.

32. Yesuus Nama Ayyaana Hama’aan Qabameeruu fi Dubartittii Dhibanteertu Takka Fayyise — illustration 16

Dubartittiin sun rorommaa guddoo sodaataa Yesuus duratti jidde. Achiin duuba waan gootee fi akka fayyitelle itti hinte. Yesuus, <<Dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti; nageyaan deemi>> jedheen.

Dabarsii Kitaaba Woyyichaa:- Maatewoos 8:28-34; 9:20-22; Maaqoos 5:1-20; 5:24-34; Luqaas 8:26-39; 8:42-48.

Read in the reader

Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).