34. Yesuus dabarsii dhibii hedduu barsiise.

34. Yesuus dabarsii dhibii hedduu barsiise. — illustration 1

Yesuus marroo mootummaa Waaqaa dabarsii hedduu barsiise. Fakkeennaaf, <<Mootummaan Waaqaa sanyii sanaaficci’ii ta nami fichaa ifii keessatti facaase fakkaatti. Isiin sanyii mara caalaa diqqaatti.

34. Yesuus dabarsii dhibii hedduu barsiise. — illustration 2

<<Garuu sanyiin sanaaficci’ii yennaa guddatte haga sinbirrooti dhafanee irra teea’anutti waan ficha’atti facaafame mara hin caalti>> jedhe.

34. Yesuus dabarsii dhibii hedduu barsiise. — illustration 3

Yesuus dabarsii dhibii dubbatee, <<Mootummaan Waaqaa uukoo dubartiin takka fuutee haga isiin marti bukootutti bullaa woliin bukeessitu fakkaatti.

34. Yesuus dabarsii dhibii hedduu barsiise. — illustration 4

<<Ammalle mootummaan Waaqaa galmee nami fichaa ifii keessatti dhosse tokko fakkaatti. Nami dhibiin galmee san dhaggee, ammalle awwaale. Inni akka malee gammadaan guutamee, deemee waan qabu mara gurguree, beesee saniin fichaa san bitate.

34. Yesuus dabarsii dhibii hedduu barsiise. — illustration 5

<<Ammalle mootummaan Waaqaa dooqa dansaa gatii guddo’oo fakkaatti. Daldalaan dooqa dansa’aa yennaa isii dhagge waan qabu mara gurguree dooqa san bitate>> jedhe.

34. Yesuus dabarsii dhibii hedduu barsiise. — illustration 6

Achiin duuba Yesuus dabarsii worra hujii ifiititti addatee, worra dhibii tuffatu tokko tokkoo dubbatee, <<Namooti lama daadimatiisaaf, gara Galma Waaqaa dhaqane. Tokkochi nama qaraxa guruu yoo te’u, tokkochi sooressa dhugeeffanna’aa ti.

34. Yesuus dabarsii dhibii hedduu barsiise. — illustration 7

<<Sooressi dhugeeffanna’aa sun daadimatee, <Ee Waaqa kiyya, akka namooti marti saantota, finqiltootaa fi gaarayyeeffattoota te’ane, akka namicha qaraxa guuru kanaalle waan hin te’iniif si galateeffadha.

34. Yesuus dabarsii dhibii hedduu barsiise. — illustration 8

<<<Fakkeennaaf, ani torbaan keessatti yennaa lama laama; beesee tiyyaa fi karra tiyya mara keessaa, kudhan keessaa tokko hin baasa> jedhe.

34. Yesuus dabarsii dhibii hedduu barsiise. — illustration 9

<< Namichi qaraxa guuru sun namicha sooressa dhugeeffanna’aa san irraa fagaatee dhaabbate; gara ol-gubba’aalle hin ilaalle. Gara ol-gubbaa ilaaliisa irra, inni qoma ifii dhodhowataa, <Ee Waaqa kiyya, ani cubbaalessa waan te’eef, maganne’e, naa marar!> jedhe>> jedhe.

34. Yesuus dabarsii dhibii hedduu barsiise. — illustration 10

Achiin duuba Yesuus, <<Dhugaa isniin jedha; Waaqi daadimata namicha qaraxa guuruu dhage’ee, <Ati balcha’a> jedheen; daadimata namicha sooressa dhugeeffanna’aa ammoo hin jaalanne. Waaqi nama ol ifi qabu mara gad hin qaba; nama gad ifi qabu ammoo ol hin qaba>> jedhe.

Dabarsii Kitaaba Woyyichaa:- Maatewoos 13:31-33, 44-46; Maarqoos 4:30-32; Luqaas 13:18-21; 18:9-14.

Read in the reader

Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).