27. Dabarsii Namicha Byya Samaariya’aa Ka Marartii Qabuu
Gaafa tokko namichi Yihuda’aa ka seera beeku tokko isa ataabiisaaf gara Yesuusii dhufee, <<Barsiisa’a, jiruu bara baraa dhaaliisaaf maan godha?>> jedheen. Yesuus, <<Seera Waaqaa keessatti ka barreeffameeru maan jedha?>> jedheen.
Beekaan seeraa sun, <<Seerri Waaqaa, <Mootii Waan Maraa Waaqa keeti, gadhaa tokkochaan, lubbuu takkatti’iin, qalbii takkotti’iin jaaladhu. Akka ifi jaalattu namalle jaaladhu> jedha>> jedheen. Yesuus, <<Dhuga’a; tanuma godhi, jiru’uun hin jiraatta>> jedheen.
Namichi seera beeku sun ammoo akka balchaa te’e mirkaneeffatiisa barbaadee, <<Nami sun eennuu inni?>> jedhee gaafate.
Yesuus dabarsii dubbatiisaan deebii isaaf kenne: <<Namichi biyya Yihuda’aa tokko ka Yerusaalem irraa gara Yeriko’oo deemiisatti jiru tokkotti jiraayyu.
<<Adoo inni ideemiisatti jiruu ala galtooti qabane. Waan inni qabu mara irraa fudhatanee haga du’a bira gewutti dhaanane. Achiin duuba lakkisanee biraa deemane.
<<Achiin duuba yoosuma hayyichi Yihuda’aa tokko karaa san deemaa dhufe. Sooressi dhugeeffanna’aa kun nama saamamee dhaanameeru kana yennaa dhagge, irraa gore; nama qarqaassa barbaadu kana itti lakkisee dabaree deeme.
<<Achiin duuba adoo hin turin, nami worra Lewwi’ii tokko dhufe.(Worri Lewwi’ii Galma Waaqaa keessatti worra hayyoota qarqaaru). Nami Lewwi’ii kunille karaa gara kaanitti qaxxaamuree, nama saamamee dhaanameeru kana lakkisee bira dabare.
Nami itti aanee kara san gad bu’e nama Samaariya’aa ti.(Worri Samaariya’aa sanyii worra Yihudootaa ta gosa biyya dhibi’ii fuutee ti; Worra Samaariyatii fi worri Yihudootaa wol jibban). Garuu namichi Samaariya’aa sun yennaa namicha Yihuda’aa san dhagge guddoo gaddeefi. Tanaaf, wodhaanee madaa isaaf hidhe.
<< Achiin duuba nami Samaariya’a sun namicha san ol kaasee harree ifii irra teessisee gara mana keessumma’aa geessee achitti wodhaane.
<<Boruyyaa nami Samaariya’aa sun deemuu barbaade. Abbaa mana keessamma’aa saniif beesee diqqoo isi’ii kenneefii, <Ati isa wodhaan; kana caalaa beesee dhibii yoo baatteef, yennaa deebi’u sii kaffala> jedheen>> jedheen.
Achiin duuba Yesuus beekaa seeraa saniin, <<Ati maan yaadda? Namicha saamamee dhaaname saniif namoota sadiin san keessaa jaalli isaa kami?>> jedhee gaafate. Innille, deebisee, <<Ka isaaf marare san>> jedhe. Yesuus, <<Atille akkasuma godhi>> jedhee itti hime.
Dabarsii Kitaaba Woyyichaa:- Luqaas 10:25-37.
Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).