28. Dargaggeessa Dureessicha

28. Dargaggeessa Dureessicha — illustration 1

Gaafa tokko dargaggeessi dureessichi tokko gara Yesuusii dhufee, <<Barsiisaa arja’a; jiruu bara baraa dhaaliisaaf, ani maan godhuu qaba?>> jedhee gaafate. Yesuus, <<Ati, <Maaf arjaa> anaan jetta. Arjaan tokko qofattuu jira; innille Waaqa. Ati ammoo jiruu bara baraa dhaaliisa yoo barbaadde, seera Waaqaatiif ajajami>> jedheen.

28. Dargaggeessa Dureessicha — illustration 2

Inni, <<Seerri kun kam fa’a inni?>> jedhee gaafate. Yesuus deebisee, <<Hin ijjeesin; hin gaarayyeeffatin; hin hatin; dhara hin dubbatin; haadhaa fi abbaa keetiif ulfinna kenni; akkama ifi jaalattu namalle jaaladhu>> jedheen.

28. Dargaggeessa Dureessicha — illustration 3

Te’uu malee dargageessi sun, <<Ani ijoollummaa tiyyaa jalqabee, seera kana mara muummesseera. Haga bara baraa le’iisaaf waan dhibiille maan godhuu na barbaachisa>> jedhe. Yesuus isa ilaalee jaalate.

28. Dargaggeessa Dureessicha — illustration 4

Yesuus, <<Ka dhidhinna hin qanne te’iisa yoo barbaadde, waan qaddu mara gurguriitii beesee san worra hiyyeeyyi’iif kenni; ol-gubba’atti galmee hin dhaggatta. Achiin duuba koyiitii na hordof>> jedhee isaaf deebise.

28. Dargaggeessa Dureessicha — illustration 5

Dargaggeessi sun waan Yesuus dubbate yennaa dhage’e, guddoo dureessa waan te’eef, waan qabu mara kenniisa waan hin barbaadiniif guddoo gadde. Inni fuula ifii Yesuusirra deebifatee deeme.

28. Dargaggeessa Dureessicha — illustration 6

Yennaa san Yesuus barattoota ifiitiin, <<Worri dureeyyiin gara mootummaa Waaqaa galiisi attam attam rakkisa’a! Ee; dureessi tokko gara mootummaa Waaqaa galiisa irra gaalli qowa lilmo’oo keessa yoo hulluuqe isrra kaso’o>> jedhe.

28. Dargaggeessa Dureessicha — illustration 7

Barattooti waan Yesuus dubbate yennaa dhage’ane, refatanee, <<Eagasuu eentu fayyuu dande’a ree?>> jedhane.

28. Dargaggeessa Dureessicha — illustration 8

Yesuus gara barattoota ifii iaalee, <<Wonni kun nama biratti hin dande’antu; Waaqa biratti ammoo hin dande’anti>> jedhe.

28. Dargaggeessa Dureessicha — illustration 9

Pheexroos, Yesuusiin, <<Nuuti waan mara lakkinnee si hordonneera; nuuti maan dhaggatu’uu jirra ree?>> jedhe.

28. Dargaggeessa Dureessicha — illustration 10

Yesuus, <<Marroo tiyyaaf mana, obboleeyyan, obboleetota, abbaa, haadha yookiin karra ka lakkise marti dacha dhibba hin fudhata; jiruu bara baraalle hin dhaala. Ammoo warri hedduun amma dura jiru worra duuba jiru hin te'a; worri amma duuba jiru heeduulle worra dura jiru hin te'a>> jedhe.

Dabarsii Kitaaba Woyyichaa:- Maatewoos 19:16-19. Maarqoos 10:17-31. Luqaas 18:18-30.

Read in the reader

Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).