26. Yesuus Tajaajila Jalqabe

26. Yesuus Tajaajila Jalqabe — illustration 1

Yesuus ataabee Seexanaa injifateen duuba, hunna Ayyaana Woyyichaatiin gara kutaa biyyaa, gara Galiilaa dur keessa le’uu deebi’e. Yesuus asii fi achi deemaa barsiise. Nami marti marroo isaa waan dansaa dubbataayyu.

26. Yesuus Tajaajila Jalqabe — illustration 2

Yesuus lafa daa’imummaa ifiitiin keessa le’e gara qachaa Naaziretii deebi’e. Guyyaa Sanbataatiin gara addee waaqonfanna’aa dhaqe. Akka inni dubbisuuf, kitaaba maramaa Isaayaasii itti kennane. Yesuus kitaaba maramaa san banee, kutaa tokko keessaa kolba’aaf dubbise.

26. Yesuus Tajaajila Jalqabe — illustration 3

Yesuus, <<Worra hiyyeeyyi’iif gammada, worra booji’ameef bilisummaa, worra balla’aaf dhaggiisa, worra hidhameeruuf hiikamiisa akka lallabuuf Waaqi Ayyaana ifii naa kenneera. Woggaan jaalatantuun tun woggaa Gootta’aa ti>> jedhee dubbise.

26. Yesuus Tajaajila Jalqabe — illustration 4

Achiin duuba Yesuus tee’e. Marti isaaniituu itti hiiqanee ilaalane. Barreeffam jecha Waaqaa ka inni dubbise kun Masiihii akeeka. Yesuus, <<Jechi amma isinii dubbise kun amma muummowiisatti jira>> jedhe. Kolbaan marti baaseffatte. <<Kun ilma Yoseefiitii motii?>> jedhane.

26. Yesuus Tajaajila Jalqabe — illustration 5

Achiin duuba Yesuus, <<Raagichi tokko biyya ifii keessatti ulfinna akka hin qabaanne, dhuguma. Bara raagicha Eliyaasii, Israa’el keessa haadhotii hiyyeessaa heddu’utti jiraayyu. Garuu woggaa sadii fi wodhakkaa yennaa bokkeenni raabuu dhabe, Waaqi haadha hiyyeessaa ta biyya dhibi’ii akka qarqaaruuf Eliyaas erge malee, haadha hiyyeessaa ta Israa’el keessaa akka qarqaaruuf isa hin ergine>> jedhe.

26. Yesuus Tajaajila Jalqabe — illustration 6

Yesuus itti dabalee, <<Bara raagicha Elisaa’iille, Israa’el keessa namooti dhukkubi goga’aa farrisiisaan qabeeru heddu’utti jiraayyu. Te’uu malee, Elisaa’i isaan keessaa tokkochalle hin fayyinne. Inni dhukkuba goga’aa farrisiisaa Ni’imaanii ajajaa diinota Israa’elii qofa fajyyise>> jedhe. Kolbaan Yesuus caqasaa turte worra Yihudootaa ti. Tanaaf waan kana dubbatuun yennaa dhageette itti aarte.

26. Yesuus Tajaajila Jalqabe — illustration 7

Kolbaan Naaziretii Yesuus addee waaqonfanna’aatii harkittee, gad darbitee ijjeesiisaaf gara qaccee gaaraa geessite. Yesuus ammoo kolbaa odduu miliqee gara qachaa Naaziretii deeme.

26. Yesuus Tajaajila Jalqabe — illustration 8

Achiin duuba Yesuus kutaa biyyaa Galiilaa keessa addee mara deeddeeme. Kolbaan hedduun gara isaa dhutte. Dhaggiisa, ideemiisa, dhage’iisa yookiin dubbatiisa worra hin dandeenne dabalatee, worra dhibameeru yookiin worra fafoyeeru hedduu itti fidane.

26. Yesuus Tajaajila Jalqabe — illustration 9

Worra durriis qabeeru nama hedduu gara Yesuusii fidane. Ajaja Yesuusiitiin durriisoti sun namoota san keessaa bayane. Yennaa hedduu, <<Ati ilma Waaqaa ti!>> jedhaa iyyane. Kolbaan baaseffattee Waaqaaf sagadde.

26. Yesuus Tajaajila Jalqabe — illustration 10

Achiin duuba Yesuus worra barattoota isaa jedhame nama kudhanii lama file. Ergantooti isaa sun isa woliin deemaa isarraa baratane.

Dabarsii Kitaaba Woyyichaa:- Maatewoos 4:12-25; Maarqoos 1:14-15; 35-39; 3:13-21; Luqaas 4:14-30; 38-44.

Read in the reader

Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).