25. Seexanni Yesuus Ataabe

25. Seexanni Yesuus Ataabe — illustration 1

Yesuus cuuphameen duuba yoosuma, Ayyaanni Woyyichi gara goomole’ee isa geesse; achitti guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama laame. Achiin duuba Seexanni akka inni cubbuu huju Yesuus ataabe.

25. Seexanni Yesuus Ataabe — illustration 2

Seexanni, <<Yoo ilma Waaqaa teete, akka nyaatiisaaf dandeettu, dhakoota kana daabboo tolchi>> jedhee Yesuus ataabe.

25. Seexanni Yesuus Ataabe — illustration 3

Yesuus, <<<Namooti akka le’anuuf, daabboon callaan isaaniif hin barbaachisu; ammoo jechi Waaqi dubbatu tokko tokkoon isaatuu isaaniif barbaachisa> jedhantee jecha Waaqaa keessatti barreefanteerti>> jedhee isaaf deebise.

25. Seexanni Yesuus Ataabe — illustration 4

Achiin duuballe Seexanni gara qaccee Galma Waaqaa irra Yesuus geessee, <<Ilma Waaqaa yoo teete, gad ifi darbi; sababille, <Dhakaan miila keeti akka hin dhoonne, akka si kiphanuuf, Waaqi ergantoota ifii hin ajaja> jedhantee barreeffanteerti>> jedhe.

25. Seexanni Yesuus Ataabe — illustration 5

Yesuus ammoo jecha Waaqaa keessaa tuqiisaan Seexanaaf deebii kenne. <<Jecha Waaqaa keessatti, <Mootii Waan Maraa Waaqa keeti hin ataabin> jedhee kolbaa ajaja>> jedhe.

25. Seexanni Yesuus Ataabe — illustration 6

Achiin duuba Seexanni mootummoota biyya lafaatii fi ulfinna isaanii isatti mudhisee, <<Gid jettee yoo naa sagadde, ani waan akkanaa mara sii hin kenna>> jedheen.

25. Seexanni Yesuus Ataabe — illustration 7

Yesuus, <<Deemi, ati Seexana! Jecha Waaqaa keessatti, <Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif sagadi; isa qofa tajaajili> jedhee ajajeera>> jedhe.

25. Seexanni Yesuus Ataabe — illustration 8

Yesuus ataabee Seexanaatiin hin injifatanne. Tanaaf, Seexanni yenna’aaf isa biraa deeme. Achiin duuba ergantooti Waaqaa dhufanee Yesuus tajaajilane.

Dabarsii Kitaata Woyyichaa:- Maatewoos 4:1-11; Maarqoos 1:12-13; Luqaas 4:1-13.

Read in the reader

Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).