24. Yohaannis Yesuus cuuphe
Ilmi Zakaariyaasiitii fi Elisaabeexii Yohaannis ammalle raagaa te’e; lafa goomole’ee keessa le’e; damma hollaatii fi awwaannisa nyaate; woyaa rifeensa gaalaa irraa hujante uffate.
Kolbaan hedduun Yohaannis irraa dhage’iisaaf gara goomole’ee dhufane. Innille, <<Mootummaan Waaqaa dhikaateertii, araara gala’a>> jedhaa isaaniif lallabe.
Kolbaan ergaa Yohaannisii yennaa dhageette, isaan keessaa nami hedduun cubbuu ifii faaci’atane. Yohaannisille isaan cuuphe. Sooreyyiin dhuggeeffanna’aa hedduun harka Yohaannisiititti cuuphamiisaaf dhufane. Te’uu malee, araara hin galle yookiin cubbuu ifii hin faaci’anne.
Yohaannis sooreyyii dhugeeffanna’aatiin, <<Isin ilmaan buuti’ii! Araara gala’aatii hujii teessan jijjiiradha’a. Muki midhaan dansaan hin buunne muramee gara ibiddaa hin gatama>> jedhe. Yohaannis, ka raagoti, <<Kunoo, ka karaa keeti qopheessu, ergamaa kiyya si’iin dura hin erga>> jedhanee dhubbatane muummesse.
Yihudooti gariin masiihii akka te’e Yohaannis gaafatane. Yohaannis, <<Ani masiihii moti; te’uu malee ka anaan duuba dhufu nami tokko hin jira. Inni ka ani hidhaa cophee isaatuu hiiku’uuf hin malle nama ulfinna guddaa qabu>> jedhe.
Guyyaa itti aanu, Yesuus harka Yohaannisiititti cuuphamiisaaf dhufe. Yohaannis yennaa isa dhagge, <<Ilaala’a! Kunoo, ka cubbuu biyya lafaa balleessu hoolicha Waaqaa>> jedhe.
Yohaannis, Yesuusiin, <<Ani si cuuphiisaaf nama malee moti. Ani si cuuphiisaa mannaa, ati na cuuphi malee>> jedhe. Yesuus ammoo, <<Waan godhamu’uuf male, waan sirri’ii waan teeteef, ati ana cuuphiisa si barbaachisa>> jedheen. Tanaaf Yesuus cubbuu hujiisa dhabulle Yohaannis Yesuus cuuphe.
Yesuus cuuphameen duuba akkuma inni bisaan keessaa bayeen, Ayyaanni Waaqaa bifa saphaliisaatiin mudhatee dhufee isa irra bu’e. Yennuma san qoonqoon Waaqaa, ol-gubbaa irraa, <<Ati ilma kiyya ka ani jaaladhu; si’iin guddoo gammadeera>> jettee dubbatte.
Waaqi, Yohaannisiin, <<Ayyaanni Woyyichi dhufee nama ati cuuxxu irra hin bu’a. Nami sun ilma Waaqaa ti>> jedhee itti himeeraayyu. Waaqa tokko qofatti jira. Te’uu malee, Yohaannis yennaa Yesuus cuuphe, Waaqi Abbaan yennaa dubbatu dhage’e. Waaqa Ilma dhagge. Inniin sun Yesuus. Ayyaana Woyyichalle dhagge.
Dabarsii Kitaaba Woyyichaa:- Maatewoos 3; Maarqoos 1:9-11; Luqaas 3:1-23.
Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).