23. Dhaloota Yesuusii

23. Dhaloota Yesuusii — illustration 1

Maariyaam nama Yoseef jedhamu tokkoof kadhatanteeriyyu. Ka isii kadhateeru Yoseef akka Maariyaamiin ulfootte yennaa dhage’e, finni sun ka isaa akka hin te’in beeke. Inni Maariyaam fokkisiisuu hin barbaanne; tanaaf, cadhi jedhee isii lakkisiisaaf yaadate. Adoo inni tana hin tolchiniin dura ergamaan Waaqaa dhufee oojju’uun itti dubbate.

23. Dhaloota Yesuusii — illustration 2

Ergamaan Waaqaa sun, <<Yoseef, Maariyaam niitii godhattee fuudhiisaaf hin sodaatin. Finni isii keessa jiru Ayyaana Woyyicha irraa te’e. Isiin ilma deetti. Inni kolbaa cubbuu irraa waan fayyisuuf, Maqaa isaa <Yesuus(kolbaa cubbuu irraa waan fayyisuuf, hiikkaan:Mootiin Waan Maraa hin fayyisa jechu’u)> jedhii waami>> jedheen.

23. Dhaloota Yesuusii — illustration 3

Tanaaf, Yoseef Maariyaam fuudhee, niitii godhatee, gara mana ifiitiin galate. Te’uu malee haga isiin deettutti woliin hin ranne.

23. Dhaloota Yesuusii — illustration 4

Maariyaam yennaan isiin deettu yennaa geette, mootiin worra rooma’aa nami marti laakkowamiisaaf, gara qachaa abbootii ifii ta durii akka deemu dubbate. Yoseefii fi Maariyaam addee keessa le’anu Naaziret irraa gara Beetelemii karaa dheeraa deemane; sababille ka qachaa Beetelemiititti dhalate abbaa abbootii isaanii ta durii Daawiti.

23. Dhaloota Yesuusii — illustration 5

Yennaa isaan Beetelem geyane addeen bulanu hin jirtu; addeen isaan dhaggatiisaaf dande’ane gola hori’ii addee horiin bulu qofaayyu. Yennaa annuun dhalate taqeen isaan irra raffisanu waan hin jirreef, haati isaa gongaa horiin itti nyaatu irra raffitte. Maqaa isaa Yesuus jedhane.

23. Dhaloota Yesuusii — illustration 6

Halkan san diida adaala sanii tissitooti horii ifii tiffattu diqqoon takka achi jirtiiyyu. Dedhuma ergamaan Waaqaa ka ifa issu isaanitti mudhate; isaan sodaatane. Ergamaan Waaqaa sun, <<Hin sodaatina’a; sababille ani oduu gammadaa ta isinitti odeessu qaba. Masiihii, Goottaan Beetelemitti dhalateera!

23. Dhaloota Yesuusii — illustration 7

<<Dhaqa’aatii annuu san barbaada’a; hoccu’uun maramee, goongaa horiin itti nyaatu irra irkatuun hin dhaggitan>> jedhe. Dedhuma ol-gubbaan ergantoota Waaqaatiin guutante; Waaqa galateeffataa, <<Ulfinni ol-gubba’atti Waaqaaf te’uu ti; nageenni lafaaf, namalle’eef fedhi dansaan te’uu ti>> jedhane.

23. Dhaloota Yesuusii — illustration 8

Tissitooti sun gara addee Yesuus jiru san ariifatanee geyanee, akkuma ergamaan Waaqaa isaanitti hime san goongaa horiin itti nyaatu keessa irkateeruun dhaggane. Isaan guddoo gammadane. Maariyaamiille guddoo gammadde. Tissitooti marroo waan dhage’aneetii fi waan dhagganee mara Waaqaa galateeffatanee, gara diida hooleen isaanii jirtuu deebi’ane.

23. Dhaloota Yesuusii — illustration 9

Yennaa diqqo’oon duuba, beekkoleen biyya karaa aduun baatuu fagoo irraa urjii dhagganee hin beenne tokko dhaggane. Mootiin Yihudootaa haarenni akka dhalate ka akeeku akka te’e beekane. Tanaaf, mootii kana dhaggiisaaf lafa goddoo fagaattu deemane. Gara Beetelemii dhufanee, Yesuusii fi mana worri isaa keessa jiru dhaggane.

23. Dhaloota Yesuusii — illustration 10

Beekkoleen sun yennaa haadha woliin Yesuus dhaggane jiganee isaaf sagadane. Kennansa gatii guddo’oo Yesuusiif kennane. Achiin duuba gara biyya ifii deebi’ane.

Dabarsii Kitaaba Woyyichaa:- Matewoos 1; Luqaas 2.

Read in the reader

Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).