22. Dhaloota Yohaannisii

22. Dhaloota Yohaannisii — illustration 1

Daraan dursee Waaqi karaa ergantoota ifiitii fi raagota ifiitiin dubbateeraayyu. Te’uu malee, woggaan dhibba afurii ta inni isaanitti hin dubbatin dabarte. Tasuma ergamaan Waaqaa tokko gara raagicha Zakaariyaas jedhamu hayyicha jaarsa tokkoo ergaa Waaqaa qabatee dhufe. Zakaariyaasii fi haati manaa isaa Elisaabeex worra Waaqa sodaatu. Garuu isiin ijoollee dewuu hin dandeenne.

22. Dhaloota Yohaannisii — illustration 2

Ergamaan Waaqaa Zakaariyaasiin, <<Haati manaa teeti ilma hin deetti; maqaa isaa <Yohaannis> jettaan. Inni Ayyaana Woyyichaan hin guutama; kolbaa Masiihiif hin qopheessa>> jedheen. Zakaariyaas, <<Haati manaa tiyyaa fi ani ijoollee uumatiisaaf guddoo dulleenneerra. Wonni kun akka teetu ani attamiin beeka>> jedhee deebise.

22. Dhaloota Yohaannisii — illustration 3

Ergantichi Waaqaa, Zakaariyaasiin, <<Ergaa gammadaa tana akka isinii fidu Waaqi na erge; ati waan na hin dhugeeffatiniif, mucaan haga dhalatutti dubbatiisa hin dandeettu>> jedhe. Yoosuma Zakaariyaa dubbatiisa dadhabe. Achiin duuba ergamaan Waaqaa Zakaariyaas biraa deeme. Zakaariyaas gara mana ifii deebi’e; haati manaa isaalle ulfootte.

22. Dhaloota Yohaannisii — illustration 4

Yennaa Elisaabeex ulfa ji’a jaa qaddu, ergamaan Waaqaa sun tasuma fira Elisaabeexii ta teete Maariyamitti mudhate. Isiin durra waan teeteef, akka heeruntuuf, nama, <<Yoseef>> jedhamu tokkoof kadhatanteerti. Ergamaan Waaqaa sun, <<Hin ulfootta; ilma hin deetta. Maqaa isaa Yesuus hin jetta. Innille ilma Waaqa ol aana’aa hin jedhama; haga bara baraalle bulchaa hin te’a>> jedhe.

22. Dhaloota Yohaannisii — illustration 5

Maariyaam deebittee, <<Ani durra waan te’eef, tum attamiin teeti?>> jette. Ergamaan Waaqaa sun, <<Ayyaani Woyyichi gara keeti hin dhufa; hunni Waaqa Ol Aana’aalle si’irratti hin buuti. Tanaaf mucaan ilma Waaqa woyyichaa hin te’a>> jedhee diidesse. Maariyaam dhugeeffatte; waan ergamaan Waaqaa jedhelle fudhatte.

22. Dhaloota Yohaannisii — illustration 6

Ergamaan Waaqaa sun Maariyaamitti himeen duuba yoosuma deemee gara Elisaabeexii dhaqe. Elisaabeex akkuma nageya fuudhiisa Maariyaami’ii dhageetteen, annuun Elisaabeexii gadaamessa isi’ii keessa utaale. Dubartooti waan Waaqi isaanii godheef, isaan woliin guddoo gammadane. Maariyaam ji’a sad isii woliin turteen duuba gara mana ifii deebite.

22. Dhaloota Yohaannisii — illustration 7

Elisaabeex ilma ifii deetteen duuba, Zakaariyaasii fi Elisaabeex akkuma ergamaan Waaqaa ajaje annuu san, <<Yohaannis>> jedhanee maqaa baasane. Yennaa san Waaqi akka Zakaariyaas deebi’ee dubbatu eeyyameefi. Zakaariyaasille, <<Kolba’aaf waan yaadateef, Waaqi galatoomuu ti! Atille ilma kiyya, kolbaan cubbuu ifiitiif araara attamiin dhaggatiisa akka dandeettu, ka dubbattu, <Raagaa Waaqa Ol Aana’aa> jedhanta>> jedhe.

Dabarsii Kitaaba Woyyichaa:- Luqaas 1.

Read in the reader

Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).