5. Ilma Addi'ii
Woggaa kudhaniin duuba Abraamii fi Saarayi Kana'aan geyane. Haga kana ijoollee hin qabanuuyyu. Tanaaf niitiin Abraamii Saarayi, <<Waaqi akka ani ijoollee hin qabaanne waan na dhoggateef, anille waan dulloomeef, tajaajiltuun tiyya Aggaar kunoo ti; isii fuudhiitii anaafille ijoollee deettuu ti>> jette.
Maarre Abraam Aggaar fuudhe. Aggaarille ilma isaaf deette. Abraamille, <<Ismaa'el>> jedhee maqaa baase. Te'uu malee Saarayi Aggaar hinaatte. Ismaa'el yennaa woggaa kudhanii sad te'u Waaqi Abraamiin,
<<Ani Waaqa Waan Mara dande'u; si woliin gondooroo hin godha>> jedhe. Abraam addaan lafatti gad gombifame; Waaqi Abraamiin, <<Ati abbaa kolbaa heddu'uu hin teeta. Ani lafa kana'aanii si'ii fi sanyii teetiif dhaala godhee hin kenna; anille haga bara baraa Waaqa isaaniif hin te'a; ati dhiira maatii teeti keessaa mara haqanqabaa qabi>> jedhe.
Waaqi, <<Niitiin teeti Saarayi ilma dhiiraa hin deetti; inille ilma waada'aa hin te'a; maqaa isaa, <Yisihaaq> jettee waanta; Ani gondooroo tiyya isa woliin hin godhadha. Ismaa'elille kolbaa hedduu hin godha; te'uu malee, gondooroo tiyya Yisihaaq woliin godhadha>> jedhe. Waaqi maqaa Abraamii, <<Abrahaam>> jedhee jijjiire;hiikkaan, <<Abbaa kolbaa heddu'uu>> jechu'u. Waaqi maqaa Saarayii, <<Saaraa>> jedhee jijjiire; hiikkaan, <<Haadha kolbaa heddu'uu>>jechu'u.
Guyyuma san Abrahaam dhiira maatii ifii kessaa mara haqanqabaa qabe. Woggaa tokkoon duuba Abrahaam woggaa dhibba yennaa te'e, Saaraan woggaa sagaltamii sagal yennaa teete, Abrahaamiif ilma deette. Akkuma Waaqi jedhe, <<Yisihaaq>> jedhanee maqaa baasane.
Yisihaaq dargaggesa yennaa te'e, Waaqi dhugeeffannaa isaa haga ilaaliisaaf, <<Ilma keeti tokochuma kana fuudhiitii ciincaa godhiitii naaf dhikeessi>> jedheen. Ammalle Abrahaam waaqaaf ajajamee ilma ifii tolchuma san ciincaa dhikeessiisaaf qopheesse.
Abrahaamii fi Yisihaaq gara addee ciinca'aa ideemiisa yennaa jalqabane, Yisihaaq abba'aan, <<Abba'a! Qoraan ciincaa ittiin dhikeesanu kunoo ti; garuu holeen meeti ree?>> jedhee gaafate. Abraamille deebisee, <<Ilma kiyya, hoolee ciinca'aa Waaqinuu hin qopheessa>> jedhe.
Isaan addee ciinca'aa akkuma geyaneen, Abrahaam ilma ifii Yisihaaq hidhee, addee ciinca'aa irratti irkise; Abrahaam ilma ifii qaliisaaf, goraadee fudhate; Waaqi, <<Lakkii, ilmaa keeti waan tokkolle hin godhin; akka ati ana sodaattuu fi ilma keeti tokkochuma san mararfattee akka ati na hin dhooggatin ani amma beekeera>> jedhe.
Abrahaam adaala ifiititti korbeessa hole'ee haxanxarii keessatti hidhameeru tokko dhagge.Waaqi addee Yisihaaqii korbeessa hoole'ee ka ciinca'aaf dhikaatu qopheesseeraayyu. Abrahaamille gammadaan korbeessa hoole'ee san ciincaa dhikeesse.
Waaqi Abrahaamiin, <<Ati ilmi keeti tokkochi sunille adoo hin hafin, waan qaddu mara naa kenniisaaf waan naa eyyanteef, ani si eebbisiisaaf waadaa hin gala>> jedhe.
Dabarsii Kitaaba Woyyichaa:- Seera Dadaa 16-22
Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).