4. Gondooroo Waaqi Abraam Woliin Godhate
Eegii bisaan badi'ii bara heddu'uun duba kolbaan ammalle biyya lafaa irratti bacatte. Isaan martinuu afaan gosa tokko dubbatan. Akka Waaqi isaan ajaje lafa guutisa lakkisanee, wolitti dacha'anee qachaa ijaaratane.
Isaan worra koorameeyyii waan Waaqi isaanitti dubbatte hin eeganne. Tana caala'aayyuu ol-gubbaa dhaqqabiisaaf, xelleephoo dhaka'aa dheertuu ijaariisa jalqabane. Waaqille namooti kun waan hantuu hujiisa isaaniitii fi gara duraalle akka isaan jujii tana lakkisaa hin jirre dhagge. Isaan hujii hantuu tana caaltelle hujiisaaf hin dande'aniiyyyu.
Tanaaf Waaqi afaan isaanii gara afaan adda addaa heddu'utti jijjiiree biyya lafaa maratti isaan bittineesse. Qachaan isaan ijaaratiisa jalqabane, <<Baabilon>> jedhama; hiikkaan maqaa sanii, <<Makamaa>> yookiin, <<Ka waan godhu wollaale>> jechu'u.
Woggaa dhibbaan duuba Waaqi nama, <<Abraam>> Jedhamutti dubbate. Waaqi, <<Ati biyya teetii fi gosa teeti lakkisiitii gara lafa ani sitti mudhiisuu deem. Ani achitti si hin eebbisa; gosa guddoo si hin tolcha; gurra keetille hin guddisa; nama si eebbisu hin eebbisa; nama si abaaru hin abaara; sababa keetiin nami lafa irraa marti hin eebbifama>> jedhe.
Abraamille Waaqaaf ajajamee, niitii ifii Saarayii fi tajaajiltoota ifii mara, qabeenna ifiille mara fudhatee, gara lafa Waaqi isatti mudhisee gara lafa Kana'aanii deeme.
Abraam Kana'aan yennaa geye, Waaqi, <<Waan adaala keeti jiru mara ilaali; lafa ati dhaggitu mara si'ii fi sanyii teetiif dhaala tolchee hin kenna>> jedheen. Abraamille lafa san qubate.
Gaafa tokko Abraam nama, <<Malkiisedeqi>> jedhamu, hayyicha guddaa Waaqaa tokko woliin wol dhagge. Malkiisedeqi Abraam eebbisee, <<Waaqi Ol Aanaan, ka ol-gubba'aa fi lafa dade Abraam eebbisuu ti>> jedhe. Abraamille waan qabu irraa kudhaan keessaa tokko Malkiisedeqiif kenne.
Barri hedduun dabarulle Abraamii fi Saarayi ijoollee malee le'aniiyyu. Waaqi ammalle Abraamiif waadaa gale. Akka inni ijoollee uumatuu fi sanyiin isaa akka urjii ol-gubba'aa akka bacattu dubbate. Abraamille waadaa Waaqi isaaf galletti dhugeeffate . Abraam waada Waaqi isaaf galetti waan dhugeeffateef akka balchumma'aatitti isaaf laakkowante.
Waaqi Abraam woliin gondooroo godhe. Gondooroon tun wolii galtee gosa lama wodhaka'atti godhatantu. Waaqi Abraamiin, <<Ani gudeeduma keeti keessaa ijoollee si'iif hin kenna; sanyii teetiifille lafa Kana'aanii hin kenna>> jedhe. Garuu Abraam yennaa san ijoollee hin qabu.
Dabarsii Kitaaba Woyyichaa:- Seera Dadaa 11-15
Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).