30. Yesuus Nama Kuma shan Areere

30. Yesuus Nama Kuma shan Areere — illustration 1

Yesuus qachoota adda addaa hedduu keessatti akka isaan lallabanuu fi akka barsiisanu ergantoota ifii erge. Isaan gara Yesuus jirutti yennaa deebi’ane, waan hujane itti himane. Achiin duuba Yesuus gara addee qoommi’ii abbaayya’aan gamatti bu’anee isa woliin deemanee akka isaan yennaa diqqoo foorfatanu isaan afeere. Tanaaf, isaan hoboloo seenanee, abbaayya’aan gamatti bu’ane.

30. Yesuus Nama Kuma shan Areere — illustration 2

Te’uu malee, yennaa Yesuusii fi barattooti isaa hobolo’oon deemanu namooti hedduun isaan dhagganeeranu jiran. Namooti kun isaan dursiisaaf qarqara abbaaya’aa rukkisane. Tanaaf, Yesuusii fi barattooti isaa yennaa isaan gama geyanu, namooti bindillaan dursanee achi geyanee, achitti isaan eegane.

30. Yesuus Nama Kuma shan Areere — illustration 3

Kolbaan sun dubarti’ii fi ijoolleen adoo hin laakkowamin dhiira nama kuma shanii ol te’ane. Yesuus kolbaa saniif akka malee gadde. Kolbaan sun Yesuusiif akka hoolee tissee hin qanneetitti laakkowante. Tanaaf, inni isaan barsiisee, worra dhibamaa odduu isaanii jirulle fayyise.

30. Yesuus Nama Kuma shan Areere — illustration 4

Galgala san barattooti isaa, Yesuusiin, <<Yennaan waan galgalootteef, adaala kana qachooti hin jiranu. Akka isaan waan nyaatanu bitatanu kolbaa tana gad lakkisi>> jedhane.

30. Yesuus Nama Kuma shan Areere — illustration 5

Yesuus ammoo baraattoota ifiitiin, <<Waan isaan nyaatanu isinuu kenna’aaf!>> jedhe. Isaanille, <<Waan kana godhiisa attamiin dandeenna? Wonni nuuti qannu daabboo shanii fi qurxummii lama qofa>> jedhaneen.

30. Yesuus Nama Kuma shan Areere — illustration 6

Shantama shantama te’anee akka isaan marra gubbaa te tee’anu akka isaan kolba’atti himanu Yesuus barattoota ifiititti hime.

30. Yesuus Nama Kuma shan Areere — illustration 7

Achiin duuba Yesuus daabboo shanii fi qurxummii lamaan san harkatti qabatee, gara ol-gubba’aa ilaale; marroo sagalee saniitiif Waaqa galateeffate.

30. Yesuus Nama Kuma shan Areere — illustration 8

Achiin duuba Yesuus daabboo sanii fi qarxummii san kukkutee, akka isaan kolba’aaf dhikeessanu, barattoota ifiititti kenne. Barattooti isaa san qoodiisa jalqabane. Sagaleen sun ijjumaayyuu hin dhumanne. Kolbaan martimuu nyaattee quutte.

30. Yesuus Nama Kuma shan Areere — illustration 9

Achiin duuba barattooti isaa hambaa sagale’ee san wolitti qabanee, hambaan sun kollonjoo(saaxaraa) kudhanii lama teete. Sagaleen sun duudiin, daabboo shanii fi qurxummii lama irraa qopheette.

Dabarsii Kitaaba Woyyichaa:-Maatewoos 14:13-21; Maarqoos 6:31-44; Luqaas 9:10-17; Yohaannis 6:5-15.

Read in the reader

Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).