2. Cubbuun biyya lafaa seente

2. Cubbuun biyya lafaa seente — illustration 1

Addaamii fi niitiin isaa addee oorru'uu ta Waaqi isaaniif huje keessa yennaa le'anu guddoo gammaadaa le'ane. Isaan laamaanuu qullaa jiraniiyyu. Te'uu malee cubbuun biyya lafaa keessa waan hin jirreef qullaa jiraatiis isaanii akka isaan wol fokkifatanu isaan hin goone. Isaan addee oorru'uu san keessa deddeebi'aa Waaqa woliin dubbataniiyyu.

2. Cubbuun biyya lafaa seente — illustration 2

Garuu bofi maltichi addee oorru'uu san keessa jiraayyu. Inni namitti'iin, <<Dhugumaan Waaqi, <Mukoota oorruu tana keessa jiranu mara irraa hin nyaatina'a!> isiniin jedheeraa jedhee gaafate.

2. Cubbuun biyya lafaa seente — illustration 3

Namittiille, <<Waaqi, <Muka beekunsaa ka dansa'aa fi huntuu addaan baasiisa dandeessisu malee, midhaan muka maraa nyaatiisa hin dandeettan. Garuu midhaan muka sanii yoo nyaattane yookiin yoo tuxxaneeyyuu hin duutan> nuun jedheera>> jetteen.

2. Cubbuun biyya lafaa seente — illustration 4

Bofi deebisee, <<Tun dhuga'aa moti. Hin duutanu. Isin midhaan muka sanii yennaa nyaattane, ilti teessan banantee, hantu'uu fi dansaa beekiisaan akka Waaqaa akka teetanu, Waaqi waan beekuuf, <Hin nyaatina'a> isiniin jedhe>> jedheen.

2. Cubbuun biyya lafaa seente — illustration 5

Namittiin midhan muka sunii nyaatiisaaf dansaa, ilatti ka toluu fi ka nama qaroonsu akka te'e yenna dhaggite, midhaan isaa fuutee nyaatte. Dhirsa isi'ii ka isii woliin jirulle'eef kennite. Innille midhan muka sanii nyaate.

2. Cubbuun biyya lafaa seente — illustration 6

Yoosuma ilti isaan lamaaniituu banante. Akka qullaa jiranulle beekane; baala mukaa akka woya’aa wolitti hodhanee nafa ifii gollatiisaaf wodhaanane.

2. Cubbuun biyya lafaa seente — illustration 7

Namichii fi niitiin isaa Waaqi addee oorru'uu keessa deddeemuun qoonqoo isaa dhage'anee, isaan marti Waaqa duraa dhokatane. Waaqille Addaam waamee, <<Eessa jirta?>> jedhe. Addaamille deebisee, <<Ati addee oorru'uu keessa deddeebituun dhage'ee qullaa waan jiruuf sodaadhee dhokadhe>> jedhe

2. Cubbuun biyya lafaa seente — illustration 8

Waaqille, <<Qullaa akka jirtu eentu sitti hime? Midhaan muka ani, <Hin nyaatin> jedhee si ajaje sanii nyaattee?>> jedheen. Namichille deebisee, <<Namittiin tun akka ana woliin leetuuf ta ati anaaf kennite, midhaan muka sanii anaaf kennitee anille nyaadhe>> jedhe. Waaqi, namittiille'een, <<Wonni ati goote kun maan inni?>> jedhe; isiille, <<Bofi na sobee jennaan nyaadhe>> jetteen.

2. Cubbuun biyya lafaa seente — illustration 9

Waaqi bofaan ,<<Ati ka abaarante; gadhaa keetiin lafa irra hin loota; biyyeelle hin nyaatta. Atii fi dubartiin tun diina woliif hin teetan; ijoolleen teetii fi ijoolleen isi’iille akkasuma diina woliif hin te’an. Sanyiin namittii tanaa mataa keeti hin butucha; atille jimuu isaa hin iddita>> jedhe.

2. Cubbuun biyya lafaa seente — illustration 10

Waaqi namittiille'een, <<Yennaa ciniissu'uu gaargala sittti hin fakkansa; fedhii dhirsa keetii hin qabaatta; innille si irratti bulchaa hin te'a>> jedhe.

2. Cubbuun biyya lafaa seente — illustration 11

Waaqi Addaamiin, <<Ati dubbii niitii teetii dhageettee, midhaan muka ani, <Hin nyaatin> jedhee si ajajee waan nyaatteef, latti sababa keetiin ta abaarante hin teeti; atille bara jiruu teetii mara danfitee eloottee sagalee teeti isii irraa hin dhaggata. Achiin duuba hin duuta. Ati biyye'ee, deebitee biyyee hin teeta>> jedhe. Addaamille niitiin isaa haadha worra jiraataa maraa waan teeteef, maqaa isi'ii, <<Heewwan>> jedhee baase; hiikkaan maqaa kanaa, <<Ka jiruu kennu>> jechu’u. Waaqi gogaa bineensaa irraa qopheessee Addaamii fi Heewwanitti uffise.

2. Cubbuun biyya lafaa seente — illustration 12

Waaqille, <<Nami hantu'uu fi dansaa beekiisaan nu keessaa akka tokkoo te'eera; ammalle harka ifii diriirsee midhaan muka jiru'uu kutee akka hin nyaanne, haga bara baraalle akka hin leene>> jedhee, Addaamii fi Heewwaan addee oorru’uu dansittii san keessaa baase. Achiin duuba, karaa gara muka jiru’uu geessu eegiisaaf eennulle muka jiru'uu kana irraa kutee akka hin nyaanne, ergantoota ifii hunnaameyyii addee oorru’uu san keessa keye.

Dabarsii Kitaaba Woyyichaa:- Seera Dadaa 3

Read in the reader

Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).