1. Dada
kanatti aansinee waan maraa ka jalqabe Waaqa akka te’e ilaalla. Maarre Waaqi biyya lafaatii fi waan isii keessa jiru mara guyyaa jaa keessatti dade. Waaqi lafa dadeen duuba, latti dukkana; bifalle hin qadduuyyu; duwwaalle'e. Wonni tokkolle isii keessatti hin dadanneeyyu. Te’uu malee Ayyaanni Waaqaa bisaan irra tatacho'aa ture.
Achiin duuba Waaqi, <<Ifi te'uu ti>> jedhe. Ifille te'e. Waaqi ifi dansaa akka te'elle dhaggee, <<Guyyaa>> jedhe. Waaqi ifa dukkana irraa gargar baasee, dukkanaan <<Halkan>> jedhe. Waaqi guyyaa jalqabaa ifa dade.
Guyyaa lammeesso’oo Waaqi gubbaa gombobbittii ta lafaan gubbaa jirtu dade. Maarre Waaqi bisaan gubbaa gombobbittii irraa gargar baase.
Guyyaa sadeesso’oo Waaqi bisaan lafa godduu irraa akka gargar bawu godhe. Waaqi, lafa goddu'uun, <<Lafa>> bisaanille’een, <<Abbaayaa guddoo>> jedhee waame. Waaqi wonni dade dansaa akka teete dhagge.
Achiin duuba Waaqi, <<Latti mukoota adda addaatii fi biqiltoota adda addaa baachuu ti>> jedhe. Akkusuma teete. Waaqi wonni dade dansaa akka teete dhagge.
Guyyaa dadaa ka arfeesso’ootitti Waaqi aduu, ji’aa fi urjoota dade. Waaqi guyya’aa fi halkan, yennaan bonaa-gannaatii fi wogga'aa akka gargar bayanu godhe. Waaqille wonni dade dansaa akka teete dhagge.
Guyyaa shaneesso’ootitti Waaqi waan bisaan keessa le’uu fi sinbirrota mara dade. Waaqi tun dansaa akka teete dhagge; waan dadame san eebbise.
Guyyaa jayeesso’ootitti Waaqi, <<Lafa irratti bineensoti gosa adda addaa marti jiraatanuu ti>> jedhe. Akkuma Waaqi jedhe teete. Tokko tokko qotiyyoo, tokko tokko bineensota lafa irra looyu, tokko tokko bineensota badda'aa ti. Waaqi wonni dade sun dansaa akka teete dhagge.
Waaqi, <<Kowa'a, akka bifaa fi akka fakkeenna keennaatitti, nama dannaa ti. Isaanille biyya lafaa maraa fi bineensota mara irratti baallii qabaatuu ti>> jedhe.
Maarre Waaqi biyyee lafa irraa fuudhee nama tolchee dadee, hafuura jiru’uu kenneefi. Maqaan nama kanaa, <<Addam>> jedhame. Waaqi addee Addam le’utti biqiltoota dhaabee, akka inni kunuunsuuf isa achi keye.
Waaqi biqiltoota oddu'utti mukoota addaa lama dhaabe. Mukooti sun muka jiru’uutii fi muka hantu'uu fi dansaa addaan baasiisa dandeessisu, mukoota beekkunsaa ti. Waaqi muka beekkunsaa ka addee biqiltootaa jiru keessaa mukoota hantu'uu fi dansaa addaan baasiisa dandeessisu san malee, mukoota addee oorruu biqltootaa jiranu mara nyaatiisa akka dande’u Addamitti hime. Garuu muka hantu'uu fi dansaa addaan baasiisa dandeessisu san yoo nyaate akka du’u isatti himeeraayyu.
Waaqi Nami qofii ifii te'uun dansaa akka hin te’in dubbate. Bineensota keessaa tokkolle qarqaaraa Addaamii te’iisaaf hin dandeenne.
Waaqi hirriiba hamaa Addaamitti buusee adoo inni rafuu, cinaacha isaa irraa fuudhee, dubartii takka dadee gara isaa fide.
Addaam yennaa isii dhagge, <<Tun anuma fakkaatti, isiin dhiiraa irraa waan dhagganteef, <Dubartii> jedhantuu ti>> jedhe. Tanaaf nami abba’aa fi haadha ifii lakkisee niitii ifii woliin tokko te’a.
Waaqi dhiiraa fi dubartii akka bifa ifiitittii dade. Waaqi isaan eebbisee,<<Ijoollee baca’aa fi ijoollee ijoollee teessaanii qabaadha’aatii lafa guuta’a>> jedhe. Waaqi wonni huje sun goddoo dansaa akka teete dhagge. Waan san maratti gammade. Wonni martinuu guyyaa jaatti teete.
Waaqi guyyaa torbeesso'oo hujii dadiisaa hobbaase. Tanaaf Waaqi hujii huje san mara irraa foorfate. Inni hujii huje san mara irraa waan foorfateteef, guyyaa torbeesso’oo eebbisee woyyoonse. Waaqi akka kanaan ol-gubbaa, lafaa fi waan isii keessaa mara dade.
Dabarsii Kitaaba Woyyichaa:- Seera Daadaa 1-2.
Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).