20. Booji’amiisaa fi Boojuu Keessaa Deebi’iisa

20. Booji’amiisaa fi Boojuu Keessaa Deebi’iisa — illustration 1

Mootummaan Israa’eliitii fi mootummaan Yihuda’aa lamaanuu Waaqa irratti cubbuu hujje. Gondooroo Waaqi isaan woliin gaara Siina’aa irratti godhe diigane. Waaqi akka isaan araara galanuu fi deebi’anee akka isaan isa waaqonfatanu isaan ifi eggachiisiisaaf raagota ifii erge; isaan ammoo ajajamuu didane.

20. Booji’amiisaa fi Boojuu Keessaa Deebi’iisa — illustration 2

Tanaaf Waaqi akka diinoti isaan balleessnu eeyyamiisaan isaan adabe. Mootummaan Asoorii hunnaamettiin gadhi-jabeettiin mootummaa Israa’elii balleessite. Waan gatii qabu mara fudhatte; biyya san keessaa harka caalaa gudde.

20. Booji’amiisaa fi Boojuu Keessaa Deebi’iisa — illustration 3

Worri biyya Asoorii sooressitoota, dureeyyi’ii fi namoota ogummaa qabanu mara wolitti qabanee gara biyya Asoorii geessane. Worri adoo hin ijjeefamin hafe Israa’eloota hiyyeeyyii qofatti mootummaa Israa’elii keessatti hafe.

20. Booji’amiisaa fi Boojuu Keessaa Deebi’iisa — illustration 4

Achiin duuba worri Asoorii addee mootummaan Israa’elii dur jirtu akka le’anu worra biyya ormaa fidane. Worri ormaa sun qachoota diigane deebisanee ijaaranee, worra Israa’elootaa ka achitti hafeeru fuudhane. Sanyiin Israa’eloota worra orma fuudhee, <<Samaariyaa>> jedhamanee waamamane.

20. Booji’amiisaa fi Boojuu Keessaa Deebi’iisa — illustration 5

Kolbaan mootummaa Israa’elii waan Waaqa hin dhugeeffatinii fi waan isaaf hin ajajaminiif, inni attam akka kolbaa mootummaa Israa’elii adabe gosi biyya adda addaa ta mootummaa Yihuda’aa keessa jirtu dhaggite. Akkasille adoo teetee jirtuu ammoo, kolbaan muutummaa Yihuda’aa waaqota dharaa ka Kana’aanotaalle itti dabalanee waaqota dharaa waaqonfatane. Waaqille raagota isaan ifi eeggachiisanu isaanitti erge. Isaan ammoo dhage’uu didane.

20. Booji’amiisaa fi Boojuu Keessaa Deebi’iisa — illustration 6

Worri Asoorii mootummaa Israa’elii balleesseen duuba gara woggaa dhibbaatitti akka isaan mootummaa Yihuda’aa lolanu Waaqi worra Baabilolii erge. Yennaa san Baabilon mootummaa mootii moototaa hunnaametti’i. Mootichi Yihuda’aa tajaajilaa Nebukanadnezaarii te’iisaa fi wogguma wogga’aan gibira beesee hedduu isaa koffaliisaaf wolii gale.

20. Booji’amiisaa fi Boojuu Keessaa Deebi’iisa — illustration 7

Te’uu malee woggaa heddu’uun duuba mootummaan Yihada’aa Baabilon irratti finqila kaase. Tanaaf worri Baabilonii deebi’anee dhufanee mootummaa Yihuda’aa lolane. Qachaa Yerusaalemii qabatane; Galma Waaqaa balleessane. Galmee qacha’aatii fi galmee Galma Waaqaalle fudhatane.

20. Booji’amiisaa fi Boojuu Keessaa Deebi’iisa — illustration 8

Mootiin Yihuda’aa waan isa irratti finqila kaaseef, isa adabiisaaf loltooti Nebukadezaarii ilma mooticha Yihuda’aa fuula isaa duratti ijjeesane. Isalle ila balleessane. Achiin duuba akka inni Baabilonitti mana hidha’aa keessatti du’u fuudhanee deemane.

20. Booji’amiisaa fi Boojuu Keessaa Deebi’iisa — illustration 9

Nebukadnezaarii fi loltooti isaa akka isaan fichaa keessa hujanu namoota worra hiyyeeyyii te’ane qofa lakkisanee kolbaa mootummaa Yihuda’aa maraayyuu booji’anee gara Baabilonii geessane. Barri kolbaan Waaqaa lafa waada’aa akka lakkittu hunnaan godhane kun <<Bara booju’uu>> jedhamee waamama.

20. Booji’amiisaa fi Boojuu Keessaa Deebi’iisa — illustration 10

Waaqi gara booju’uu kolbaa ifii oofee marroo cubbuu isaaniitiif isaan adabulle, isaanii fi waadaa ifii hin deene. Waaqi kolbaa ifii eegisaa fi karaa raagotaatiin isaan dubbisiisa hin lakkinne. Waggaa torbaatamaan duuba gara lafa waada’aa ammalle akka deebi’anu addii kenne.

20. Booji’amiisaa fi Boojuu Keessaa Deebi’iisa — illustration 11

Gara woggaa torbaatamaatiin duuba, mootiin faaresii Baabilon injifate; tanaaf mootummaan mootii moototaa ta faaresii mootummaa mootii moototaa ta Baabilonii bakka buute. Yennaa tana Israa’elooti <<Yihudoota>> jedhamanee waamamane; isaan keessaa harki caalaan bara jiruu ifii mara worra Baabilon keessa le’e; worri akka malee dulloomeeru Yihudooti nami diqqaan caallaan lafa Yihuda’aa qaabatane.

20. Booji’amiisaa fi Boojuu Keessaa Deebi’iisa — illustration 12

Mootummaan mootii moototaa ta Faaresii jaddu’u; garuu kolbaa qabateef marartii qabaayyu. Qiroos mootii worra Faaresii te’ee yennaa diqqo’oon duuba, nami biyya Yihuda’aa ka gara lafa Yihuda’aa deebi’uu fedhe marti Faares lakkisee gara biyya Yihuda’aa deebi’uu akka dande’u ajaja baase. Galma Waaqaa deebisanee akka ijaaranu qarqaarsa beese’eelle kenneefi. Tanaaf, woggaa torbaatama boojuu keessa turaneen duuba, Yihudooti nami diqqaan qachaa Yerusaalemii ka Yihudaa keessaatitti deebi’ane.

20. Booji’amiisaa fi Boojuu Keessaa Deebi’iisa — illustration 13

Kolbaan yennaa Yerusaalem geette, Galma Waaqaatii fi dalleya dhaka’aa ka naannoo qacha’aa deebisanee ijaarane. Isaan haga ammaa gosa biyya adda addaa dhibi’iin ka bulane te’anulle, deebi’anee lafa waada’aa keessa le’anee, Galma Waaqaa keessatti waaqonfatane.

Dabarsii Kitaaba Woyyichaa:- 2Moototaa 17; 2Dabarsii(Seenaa) 36; Izraa 1-10; Nah 1-13.

Read in the reader

Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).