18. Mootummaa Gargar Qoodante

18. Mootummaa Gargar Qoodante — illustration 1

Woggaa heddu’uun duuba, Daawiti du’e; ilmi isaa Solomoon Israa’el bulchiisa jalqabe. Waaqi Solomoonitti dubbatee irra caalaa maan akka barbaadu isa gaafate. Yennaa inni qarummaa isa gaafate, Waaqi biyya lafaa irratti nama qaroo isa godhe. Solomoon waan hedduu baratee, abbaa mura’aa guddoo qaricha te’e. Waaqi goddoo durreesalle isa tolche.

18. Mootummaa Gargar Qoodante — illustration 2

Solomoon Galma Waaqaa ka abbaan isaa Daawiti ijaariisaaf karoora baasee, waan ijaarsaaf barbaachisu wolitti qabe, Yeruusaalem keessatti ijaare. Kolbaan addee Dunkaanii woldeenna’aa Galma Waaqaa keessatti waaqonfatte; ciincaalle isaaf dhikeessite. Waaqille dhufee Galma san keessatti dhaggamee, kolbaa woliin le’e.

18. Mootummaa Gargar Qoodante — illustration 3

Solomoon ammoo dubartoota biyya dhibi’ii jaalate. Dubartoota hedduu gara kuma tokkoo geettuu fuudhee, Waaqaaf hin ajajanne! Dubartoota tana keessaa hedduun isaanii biyya alaatii dhufane; waaqota dharaa ka ifii fidatanee, Waaqonfatiisa jalqabane. Solomoon yennaa dulloome, innille waaqota isaanii ka dharaa san waaqonfate.

18. Mootummaa Gargar Qoodante — illustration 4

Waaqi Solomoonitti aare; Solomoon waan addatamiisa dhabeef, akka adabbi’ii teetee, Solomoon du’een duuba mootummaan Israa’elii addee lamatti akka qoodu dubbate.

18. Mootummaa Gargar Qoodante — illustration 5

Solomoon du’een duuba ilmi isaa Roobi’aam mootii te’e. Roobi’aan nama gowwa’a. Kolbaan Israa’elii marti mootii te’iisa isaa isaaf mirkaneessiisaaf, gara isaa dhutte. Solomoon hujii ulfaattuu hedduu akka isaan hujjisiisee fi gibira hedduu akka isaan gabbarsiise quuqaa qabanu Roobi’aamitti dubbatane.

18. Mootummaa Gargar Qoodante — illustration 6

Roobi’aam guwwummaa ifiitiin, <<Isin <Abbaan kiyya Solomoon hujii ulfaattuu nu hujjisiiseera> jettaneertan; ani ammoo isa caalaa hujii ulfaattuu isin hin hujjisiisa; isa caalaalle isin hin adaba>> jedheen.

18. Mootummaa Gargar Qoodante — illustration 7

Gosi kolbaa Israa’elii kudhan Roobi’aam irratti finqila kaasane. Gosi lamaan callaan addatamummaa isaaf qadduun jiraatte.

18. Mootummaa Gargar Qoodante — illustration 8

Gosi kolbaa Israa’elii kudhan ta Roobi’aam irratti finqila kaache tuun nama Iyoorbi’aam jedhamu tokko mootii ifii godhattee muudatte.

18. Mootummaa Gargar Qoodante — illustration 9

Iyoorbi’aamille Waaqatti finqila kaasee, kolbaalle akka cubbuu hujju godhe. Galma Waaqaa ka mootummaa Yihuda’aa keessa jirutti Waaqa waaqonfatiisaa mannaa akka kolbaan itti waaqonfattu waaqa dharaa lama isaaniif huje.

18. Mootummaa Gargar Qoodante — illustration 10

Mootummaan Yihuda’aatii fi Mootummaan Israa’elii diina wolitti te’anee yennaa hedduu wol lolane.

18. Mootummaa Gargar Qoodante — illustration 11

Mootummaa Israa’elii haareya keessatti moototi martinuu hamaaleyyii te’ane. Mootota hamaaleyyii tana keessaa harki caalaan worra addee isaaniititti mootii te’uu fedhu, Israa’eloota dhibi’iin ijjeefamane.

18. Mootummaa Gargar Qoodante — illustration 12

Mootota maraa fi kolbaan mootummaa Israa’elii keessaa harki caalaan waaqota dharaa waaqonfatte. Waaqota dharaa waaqonfatiis isaanii yennaa hedduu woliin rafiisa aadaa dadaa irraa goree fi yennaa tokko tokko ijoollee ciincaa dhikeessuu dabalata.

18. Mootummaa Gargar Qoodante — illustration 13

Moototi Yihuda’aa sanyii Daawitii ti. Mootota tana keessaa gariin haqaan worri bulchee fi worri Waaqa waaqonfate namooti dadansaalle hin jiran. Mootota san keessaa harki caalaan ammoo worra hamaaleyyii gara dhabe. Waaqota dharaalle waaqonfataa turane. Isaan keessaa gariin ijoollee ifiille waaqota dharaatiif ciincaa dhikeessaneeran. Kolbaan Yihuda’aalle harki caalaan Waaqatti finqila kaasane; kuun waaqa dharaa waaqonfatane.

Dabarsii Kitaab Woyyichaa:- 1Moototaa 1-6; 11-12.

Read in the reader

Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).