11. Irra Dabarama

11. Irra Dabarama — illustration 1

Fara'oon Israa'eloota yoo gad hin lakkisin ilmaan isaanii angafootaa, korommii isaanii angafootaa fi korbeeyyii isaanii angafoota mara akka ijjeesu Waaqi isa ifi eegachiise. Fara'oon tana yennaa dhage'e, ammalle dhugeeffatee Waaqaaf ajajamiisa didadate.

11. Irra Dabarama — illustration 2

Waaqi worra isatti dhugeefate angafoota dhiira isaanii mara hamburiisaaf karaa qopheesse. Maatiin tokko tokkooyyuu buruusoo hoole'ee ka fafa hin qanne filattee qalatte.

11. Irra Dabarama — illustration 3

Waaqi Isaraa'elooti dhiiga buruusoo hoole'ee san mikikkila balbala ifii akka dibatanu, foon isaaniillee woddanee daabboo uukoo hin qanne woliin ariiti'iin akka nyaatanu isaanitti hime. Yennaa nyaatane biyya Gibxi’ii keessaa bayiisaafille akka qophonu isaanitti hime.

11. Irra Dabarama — illustration 4

Israa'elooti waan Waaqi akka isaan hujanu ajaje mara hujane. Halkan wodhakkaa Waaqi biyya Gibxi’ii mara keessa dabaree angafoota dhiiraa mara ijjeese.

11. Irra Dabarama — illustration 5

Mikilli mana Israa'elootaa marti dhiigi itti dibameeraayyu. Maarre Waaqi mana isaanii irra dabare. Nami mana keessa jiru marti hafe. Israa'elooti sababa dhiiga buruusoo korbeessa hoole'ee saniif hafane.

11. Irra Dabarama — illustration 6

Gibxooti ammoo Waaqatti hin dhugeeffanne. Ajaja isaalle hin muummessine. Tanaaf, Waaqi mana isaanii irra hin dabarre. Waaqi angafoota dhiira Gibxitootaa mara ijjeese.

11. Irra Dabarama — illustration 7

Angafoota dhiiraa ka mana hidha'aa jiranuu kaasee haga angafa dhiiraa ka Fara'ooniititti angafooti dhiiraa ka worra Gibxi'ii marti du'ane. Gguddoo waan gaddaneef, worri biyya Gibxi’ii keessa jiru hedduun iyyanee booyane.

11. Irra Dabarama — illustration 8

Halkanuma san Fara'oon Muuse'ee fi Aaron waansisee, <<Ammuma Israa'eloota fudha'aatii deema>> jedheen.

Dabrsii Kitaaba Woyichaa:- Seera bayiisaa:-11:1-2;32.

Read in the reader

Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).